Gumaata Kaampaasii 13: Shamarree yunivarsiitii si'a lama keessatti kuftetti barsiistuu taate

Madda suuraa, Tamir Muhaabbaa
Yeroo ammaa Yunivarsiitii Wallootti barsiistuu Tekistaayel Injiinaringiidha. Kan barattes achuma bakka si'a lama kufeen ka'e jettu Yunvarsiitiima Wallootti.
Mudannoo irraa baratamu barnoota keessatti ishee mudate qabdi. Akkuma ofiin seenesitutti akka itti aanutti isiniif dhiyaateera.

Tamir Muhaabbaan jedhama. Godina Horro Guduruu Wallaggaa Shaambuutti dhaladhe, guddadhe. Sadarkaa lammataafi qophaa'inaallee achittin xumure. Xumura irratti Yunivarsiitii Walloo na gahe jechuudha.
Sadarkaa barumsaa gadi aanaatti
Kutaa gajjallaatti barattuu cimtuun ture. Shamarran osoo hin ta'in warra dhiiraa waliinan dorgoma.
Barattuu cimtuun ture, sadarkaan qaba yeroo hundumaa. Hanga kutaa 10'tti sadarkaan qaba. Nan badhaafama yeroo hundumaa.
Kutaa 11fi 12'tti barnoota saayinsiin seene. Amma gaafan deebi'e galagalee ilaalu Herreegaafi Fiiziksii sirriitti qo'achaa hin turre.
Xiqqoo rakkoon maatii na qunname ture. Seeraan hin qayyabadhu. Yeroo kutaa 12 qoramu qabxii olaanaan fide.
Madda ciminaafi Kaayyoo
Maatiin na jajjabeessu. Anaan warra miti kan na guddise. Nama bira taa'een baradhe.
Rakkina sana keessa akkan ba'uuf barumsa kootti cimuu akkan qabu namnis na gorsa, anis kaayyoo kiyya godhadheen hojjedhan ture.
Warri na guddisan immoo akka malee na jajjabeessu barumsatti. Guddattee bakka guddaa gahuu ni dandeessa, doktorii tahuu qabda naan jetti isheen na guddistus.
Kitaabota adda addaa naaf bitti. Anis garmaleen dubbisa. Qormaata gaaffii tokkollee yoon dhabe galee midhaan hin nyaadhu. Akkasitti qabxii olaanaan fidaa ture kutaa gajjallaatti.

Madda suuraa, Tamir Muhaabbaa
Jalqabbii Yunivarsiitii
Herreegi asittis natti dhufe. Sodaanis jira. Osoo qabxiin xiqqaachuu baate doktara [hakiima] ta'u nan danda'a ture. Animmoo Injinaringii hin barbaadu, garuu isatu na gahe.
Tokkoffaa fedha koo miti. Ani doktara tahuuf saayinsii gale malee, Injinaringii seenuuf miti.
Kutaa 11fi 12ffaa Herreegaafi Fiiziksii seeraan hin qayyabanneef asitti natti ulfaata yaada jedhutu na keessatti uumame.
Sodaan guddaanis na keessatti uumame. Kanaaf, yunivarsiitiittillee abdii kutadheera waan ta'eef seeraan hin qayyabadhu. Hirriba kana calliseen rafa.
Achii qabxiin akka hin taane taate. Seemisteeratti barumsi Herreegaa 'F' dhufe. Barumsi biraas gaarii hin turre. Boodarra seemisteera jalqabaatti qabxiin koo 1.7'n fide.
Kanaaf, 'warning' dhaan galmaa'ee barumsa itti fufe. Seemisteera lammaffatti ijoollee waliin qo'achuu eegalus qabxiin koo ol ka'uu hin dandeenye. Akkasitti waggaa lammaffaa itti fufuu hin dandeenye.
Naannoo Fulbaanatti yeroon mana barumsaatti deebi'u qabxiin 2 hin seenne. 2 fidus 1.9 tahe qabxiin waliigalaa (cumulative).
Warning lamaan immoo barachuu hin danda'u. Kanaaf, waggaa lammaffaa osoo itti hin fufiin mana barumsaa gadhiiseen bahe.
Kufanis ka'uun jira...
Achii bahe ishee na guddistutti hime isheen baay'ee nu gargaarti. Achumatti mana kiraa fudhadhuuti ijoolleen si qayyabachiisan yoo jiraatan ani nan kaffalaaf jette. Waggaa tokko duubatti deebi'e baradha jechuudha.
Dallaa seenee hin baradhu, manuma kiraa keessa taa'ee qormaata qofaa dhaqee qorama. Carraa akkasiitu ture yeroos, ammallee fooyya'eera.
Barattoonni dhufanii na qayyabachiisu, anis foyyeessuu nan danda'a jedhee yaadu eegale.
Qormaanni gahee yeroon qoramu inni duraan natti ulfaatu akka malee natti sulphate. Maaliif? Qayyabadheera.
Achii A'n fide. Seemisteera lammataaf manuma taa'e qayyabachuu itti fufe. Barumsa C- tures A'tti jijjiire. Walumaa gala qabxii bareedaan fide. Barnoota 4 foyyeesse.
Ergasii barumsa idileetti deebi'e. Achii waan sirriitti qayyabadhuuf barumsi natti salphate. Qabxii 3.4's fide.
Isa booda duubatti hin deebine, qabxii bareeda fidaan ture.
Icciitii milkaa'ina koo yeroon deebiyee yaadu murannoo ani qabaadhee itti deebiyedha. Herregni kun maaliif akkas natti cima jedheen sirriittin qayyabadhe.
Gosni barnootaa Daayinaamiksi jedhamu tokkos ture kanumti Herrega ta'e. Ergan qayyabadhee sirriittin hojjedhe.
Kana irraa kanan baradhe, duraanuu qayyabachuu dhiisee callisee sodaachuutu na miidhee ture.
Waanti guddaan maalidha, murannoodha. Namni zeeroo irraa ka'uu ni danda'a. Yeroo tokko tokko ani gajjalaatii bu'uura hin qabu jedhanii barattoonni abdii kutatan jiru.
Garuu zeeroodhuma irraa ka'anii osoo hojjetanii ni danda'ama. Nan danda'a jedhanii of amansiisuudha, cimsanii hojjechuudha garuu.
Kana malees warri na barsiisan baayyee na gargaaraniiru. Carraa kanaanillee isaan galateeffachuun barbaada. Deebitee ka'uu ni dandeessa, lammaffaallee ka'uu ni dandeessa naan jedhu ture.

Madda suuraa, Tamir Muhaabbaa
Barsiisummaa...
Yeroo qabxiin koo na jalaa gadi bu'aa ta'e barsiiftuu yunivarsiitii nan ta'a jedhee hin yaadne.
Garuu qabxiima foyyaa'aa ta'e fidadhee mana galee taa'een hojii biraa barbaaddadha jedheen yaadaan ture.
Ani kanan baradhe Injiinaringiidha, waa'ee uffataa waliin walqabata waan ta'eef kampaanii keessa hojjechuun barbaadan ture.
Garuu kampaanii yeroon dhaqee ilaalu hojiin isaa boqonnaa hin qabu.
Yunivarsiitiin Walloo yeroo barsiisummaa qacaruuf beeksisa baasu ergan bahee booda deemeen dorgome.
Dorgomicha irrattis qabxii bareedaadhan ture kanan darbe. Ergan barsiiftuu ta'ees hojii kana hedduun jaalladhe.
Yeroo ammaa ammoo Digirii Lammaffaa (MA) barachaan jira.
Ergaa barattootaaf
Tokkoffaa osoo danda'ame kutaa gadi aanaa irraa jalqabuun waan achitti xumuruun isaan irra jiru osoo waan hunda xumuranii, waan isaaniif galuu qabu isaaniif galee dhufanii bareedaadha.
Erga yunivarsiitii galanii ammoo barumsa Injiinaringii haata'u, kan Medikaalii haata'u, ykn kan biroo hojjennaan qabxii gaarii fiduu ni danda'u.
Ani dubartii waanan ta'eef barumsa Herregaa hin danda'u ykn dhiironni yoo na gargaaran malee ykn namoota irraa yoon hate malee kan jedhu guutummaan guutuutti hafuu qaba.
Mul'ata boruu..
Amma muummee ani baradhuufi barsiisu Injinaringii huccuu/uffata irratti hojjetu (Textile Engineering) dha.
Dhimma faashinii, huccuu waliin walqabata. Kanaaf, ani isa irratti waan baayyeen hojjechuu barbaada.
Barnoota Digirii Lammaffaa (MA) koo amma barachaa jiru kana yoon xumure qorannoo adda addaas hojjechuun barbaada.
Waanta kan biraa ammoo dizaayinara ta'uun barbaada. Ani dizaayinara beekamtuu ta'uun barbaada. Kana irratti fedhan qaba.
Kaka'umsa barattoota gargaaruu...
Rakkoon kaleessa ofii koo keessa darbe yeroo baay'ee barattoota hedduu mudatee nan arga.
Keessumaa ammoo ijoollee dubartootaa irrattin arga. Yunvarsiitii keessatti akkaataa ittiin barattoota akkasii kana jajjabeessuun nurra jiraatu hiriyyootuma koo waliin wanta yaadne qabna.
Yaada kana anumatu fide. Kan nuti yaadnes, ijoollee durbaa waggaa tokkoffaafi lammaffaa yunivarsiitii irraa ari'aman osoo manatti hin galiin yoo danda'ame naannoodhuma kanaa hojii hojjechaa torbanitti takkaa ykn lama walitti qabnee waan adda addaa irratti isaan gorsuudhaaf yaadneerra.
Yaada kana irrattis yunivarsiiticha akka nu tumsullee mariisisuuf jirra.
Animmoo ofii koo waanan keessa darbeef sirriitti muuxanoo koo qabatamaa irraan itti hima.
Ani kan na mudatee turetti hin qaana'u. Ittin boona. Kufanii ka'uun ni danda'ama jedheen seenaa jireenya koon itti hima.


*Odeessi Gumaata Kaampaasii, jiruufi jireenya barattoota yunivarsiitii hirmaachisuun BBC Afaan Oromoo irraa torbaniin altokko kan isinii dhiyaatudha.
Odeessaalee dabran:
- ''Kaayyoo ofii dagannaan, soogidda bishaan waraabuu dhaqxe ta'uudha''
- Barataan medaaliyaan eebbifame icciitii milkaa'inaa maali jedha?
- Kalaqa foormulaa haaraa hanga pirojektii Oroonjiituu
- Barataa yunvarsiitii abbaa kalaqa 'Wi-Power' fi kanneen biroo 20 olii
- Yunvarsiitti warra gargaarsa addaa barbaadaniif eenyutu jira?
- Raajii Ashannaafi maaliif 'Theoretical Physicist' ta'uu fedhe?
- Waggaa 5 keessatti yunivarsiitii itti barattetti Pireezidantii itti-aantuu taate















