Itoophiyaan dubbii Tiraamp irratti duula mallattoo mormii walitti qabuufi

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp dubbii Marsiin hidha Abbayyaa 'dhoosuun ni dandeessi' jechuu isa dubbatan mormuum Itoophiyaan guyyaa har'aa mallattoo walitti qabuu jalqabuufi.

Duulli mallattoo mormii walitti qabuu kun har'a A.L.I Onkololeessa 21, 2013 waaree booda Magaalaa Finfinnee Hoteela Giyoonitti sa'aatii 10 irraa akka jalqabu Manni Maree dhimma hidha Abbayyaarratti deeggarsa ummataa walitti qabu ibseera.

Daarektarri mana marichaa Obbo Hayiluu Abirahaam duulli sagalee walitti qabuu 'onlaayinii' akka gaggeeffamu ibsan. Kunis dubbii Tiraamp waa'ee Abbayyaa dubbataniif deebii mormii akka ta'es himan.

Mallattoo mormii jecha Tiraampi guyyaa har'arraa eegaluun guyyoota afurif itti aananiif turu kanarrattis lammiileen hundi qooda akka fudhataniif waamichi dhihaateera.

Kaayyoon duula kanaa Tiraampiif deebii mormii deebisuun ala biyyoonni dhimmi ilaallatu xiyyeeffannoo akka itti kennaniifis barbaachiseeti jedhame.

Guyyoota afranitti mallattoo namoota 150,000 walitti qabuuf yaadameera.

Biyyoota gara garaatti namoonni qofa qofaaniifi gareen sagalee walitti qabuu eegaluu isaanii kan himan qondaalli kuni, gaaffiin ummataa waan cimeefi wajjirichis kallattiin waan isa ilaallatuf bakka tokkotti sagalee walitti qabuuf yaadamu ibsan.

Dubbiin Donaald Tiraamp ''lola kakaasa'' kan jedhan Obbo Hayiluun, lammiilee Itoophiyaa qofa osoo hin taane kanneen nagaa jaalatan marti duula kanarratti hirmaachuu akka danda'anis ibsaniiru.

''Dubbii maal na dhibdee gara tokkotti caalsifateefi birmadummaa Itoophiyaa tuqu dubbataniiru. Kunis, lammiilee Itoophiyaa biyya keessas ta'e biyyoota gara garaa jiran dheekkamsiseera,'' jedhaniiru.

'Dubbiin isaanii nagaa Afrikaattis ta'e naannoo Gaanfa Afrikaa jiru kan jeequdha,' jechuunis ibsan.

Masriin waliigaltee kolonii bara 1959 mallatteeffameefi bishaan Abbayyaa irratti qooda gara caalu ishee kennu akka kabajamu barbaaddi kan jettu Itoophiyaan, hidhi ijaartu itti fayyadama waloof ta'u ibsiti.

Obbo Hayiluun ijaarsi Itoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaaraa jirtu gaanfa Afrikaaf nageenya buusa jechuun ibsu.

Kanaafis akka sababaatti Gamtaa Afrikaarraa fagaattee kan turte Masriin gamtichatti deebite jaarsummaa irratti hirmaachuushee kaasu.

Duula mallattoo walitti qabuu kana mana marichaan alatti dhaabbileen Lift Itoophiyaafi Jastiis for Hiyumaanitii jedhaman ni gargaaru jedhameera.

Birrii biiliyoona 100 oliin hidhi ijaaramu kuni hidha bishaanii elektirikii maddisiisuu fi Afrikaa keessaa guddicha ta'a jedhamee eegama.