Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doktora Hindii: 'Yeroon ani arba waliin dabarse kan maatii kiyya waliin dabarse caala’
Kushaal Konwaar Sharmaa hawaasa Indiyaa keessatti “doktora arbaa” jedhamuun beekamu. Isaanis arba Hindiifi Indooneezhiyaa waggoota 35’f kunuunsaniiru.
“Yeroo arba waliin ta’u baay’ee gammada. Yeroon arba waliin dabarse kan maatii kiyya waliin dabarse caala,” jedhu Dr Sharmaan.
Doktorri ganna 60 kaaba-baha bulchiinsa Asaam jedhamutti keessatti guddatan – arba 27,000 ol biyyattii keessatti argaman keessaa 5,000 achitti akka argaman qorannoon bara 2017 taasifame ni mul'isa.
Turtii hamma kanaa keessatti “qooqa” arbaa hubachuu danda’eera jedhu.
“Isaan nyaachisuun dabalataatti, mallattoodhaan isaan waliin walii gala.” Dabalataanis “ammatti arbi hedduun adda baasanii na beeku” jechuun himu.
Doktor Sharmaan bara kanatti hojiisaaniitiif badhaasa guddicha Hindii keessaa tokko kan ta’e ‘Padma Shri’ jedhamu badhaafamaniiru.
Hamma ammaatti arba 10,000 oliif yaala kenneera jechuun tilmaamu. Isaanis bara 1984 arba dhukkubsate yaaluun hojii kanatti kan makaman.
“Yeroo jalqabaatiif Paarkii Biyyaalessaa Manaas arba yaaluuf garas deeme. Guyyaa san baay’ee gammadee ture,” jedhu.
Ijoollummaasaanitti maatiinsaanii arba Laxmii jedhamtu manasaanitti kunuunsu turan.
“Yeroo ganna torba turtetti Laxmii irra taa’ee ganda keessa deddeema ture. Akkasitti kan arba jaalachuu jalqabe.”
Asaam naannoo balaan lolaa baay'atudha. Kunis, ammoo bineensota balaaf isaan saaxila.
Paarkiin Biyyaalessaa Kaaziraangaa Unesco irratti paarkii galmaa’edha. Bakki kuni bakka balaa lolaaf saaxilamudha.
Dhiyeenya kanatti lolaa ji’a Adoolessa keessa mudateen bineensonni paarkichaa 51 du’aniiru jedhan qondaaltonni.
Paarkii keessatti lolaan yeroo mudatu bineensonni baay’ee rakkatu. Bineensonni baay’een ni du’u, arbillee lolaadhaan ni fudhatamu. Ilmoonni arbaa yeroo baay’ee haadhasaaniirraa gargar bahuun kan baratamedha.
''Haala kana keessatti gargaarsa dabalataa barbaadu. Saniif kan yeroo lolaan mudatu isaan kan gargaaruufi,” jedhu Dr Sarmaan.
Isaanis yeroo waamichi taasifame yookiin yeroo lolaan mudate qofa deemu miti. Yeroo hunda deema, sababni isaas hamma danda’een bineensota baraaruu barbaada waan ta’eefi jedhu.
Arba ijoollummatti wal barataniin alatti Paarkii Biyyaalessaa Kaziraangaa keessatti argamtu arbi Geetaa jedhamtu qalbiisaanii fuuteetti.
“Yeroo ta’e osoo US daawwataa turetti namni tokko yeroo isheen Paarkii Biyyaalessaa Kaziraangaa turtetti Geetaarratti dhukaasa banee ture.
''Akka carraa ta’ee rasaasa shan itti dhuka’e kutaalee qaamaashee barbaachisoo hin dhoofne. Gama bilbilaan yaala arbaa kanaa gargaareera,” jedhu Dr Sharmaan.
Torbee tokko booda akkuma deebi’aniin Geetaa ilaaluuf garashee deeman.
“Haalaan ishee yaaluufi rasaasa qaamashee keessa jiru hunda baasuurratti xiyyeeffadhee ture. Erga qaamashee keessa jiraachuu adda baase booda, xiyyiitii sadii yaala baqaqsanii yaaluun keessaa baaseera.”
Rasaasni biroo lama qaama ishee keessa gad faagataniiru waan ta’eefi baasuuf ni ulfaata jedhan.
“Yaalii kiyya ittuma fufe, yaala baqaqsanii yaaluu shan booda, isaan hafa lamaan baaseera. Geetaan tiyya ammallee lubbuun jirti, fayyaa guutuullee qabdi.”
Dr Sharmaan hojiisaanii jaalatanis, balaa akka qabuus ni hubatu.
Hojiisaaniirratti wantoonni lubbuusaaniif balaa fidan akka turan himu. Akkamitti lubbuun hafe yoo yaadu na raaja jedhu.
“Yeroo ta’etti arba yaalaaf madaqsuuf jecha halkan guutuu mukarra turuun narra jiraata ture.”
Balaan jiraatus hojiisaanii akka jaalatan himu. Isaanis intalasaanii saayinsii fayyaa bineensotaan eebbifamte hojiisaanii akka itti fuftu barbaadu. Isheenis yeroo baay’ee hojiisaaniirratti gargaarsa kennitiif.
“Intalli tiyya ana booda itti gaafatamummaa arba yaaluu akka itti fuftu barbaada.”