Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Muka Djab Wurrung: Mukti kabajamaa Aborijinaalotaa manca'uun dheekkamsa kaase
Awustiraaliyaatti muka kabajamaa saba durii biyyattii, daandii tolchuuf jecha mancaasuun dheekkamsa guddaa kaase.
Mormitoonni iddoo aadaafi duudhaa kutaa biyyaa Viktooriyaatti argamutti bahuun yeroo dheeraaf dura dhaabbachaa turan.
Kanneen keessaa tokko bakka dubartoonni gosa Djab Wurri bara durii keessa deemuun iddoo itti dahanidha.
Haatahu malee angawoonni naannichaa muka ''kallattii agarsiisu'' Djab Wurrung jedhamu gaafa Wiixataa mancaasan jedhan rogeeyyiin.
Angawoonns gamasaaniitiin, mukti kun tarree mukkeen eegamanii keessa hin jiru jedhan.
Bara dabre keessa abbootiin qabeenyaa Aborijinaal tahan, mootummaa Viktooriyaa waliin mukkeen 10 oli aadaa keessa bakka guddaa qaban akka hin muramneef waliigalan.
Haatahu malee, rogeeyyiin garee lafaa Aborijinaal hin taane, naannichatti turuun mukkeen kaanis akka hin mancaane yaalaa jiru.
Poolisiin Viktooriyaa namoota 25 bakkichaa deemuu didan to'achuusaa beeksiseera.
Viidiyoon rogeeyyiin maxxanfame, poolisoonni wayita mormitoota humnaan harkisan agarsiisa. Mormitoonni muraasnis muka gubbaa koranii turan.
Akka jecha mootummaatti mukti jige kun muka gosa 'fiddleback' kan jedhamuufi ganna 100 kan tahudha jedheera.
Mormitoonni garuu gosti mukaa 'yellow box' kan jedhamu akka taheefi umurii ganna 350 kan qabudha jedhu.
Manca'uu muka kanaa namootni hedduun balaaleeffataniiru.
''Aarii guddaafi dhukkubbii hortee keenyatu natti dhagahama,'' jechuun dubartiin siyaasaa Aborijinaalaa Lidia Thorpe Twit tolchan.
Namoonni Aborijinaal tahan hedduun, lafti isaanii eenyummaa isaaniif daran murteessa tahuu dubbatu.
Rogeeyyiin Djab Wurring, mukkeen naannoo san jiran, batasakaana yookaan lafa amantiitti fakkeessuun dubbatu.
Mukkeen kabajaa eegumsi taasifamuf keessaa lama ''mukkeen dhalootaa''ti. Mukkeen kunniin dubartoonni jaarraa hedduu irraa eegalee, erga da'anii booda bakka obbaatii yookaan offoltii (placenta) itti awwaalanidha.
Mootummaan Viktooriyaa daandii ijaaramaa jiru kun tarkaanfii sirriiti jedha. Daandiin km 12 Melboorn fi Adeleeyid gidduutti fooyyeeffamu kun, balaa tiraafikaa hir'isa jedha.
"Waggoota dhiyoon asitti daandii guddicha 'Western Highway' irratti balaan 100 ol mudateera, namoonni 11 lubbuu dhabaniiru. Daandii kanas kan haareessinu lubbuu namaa oolchuufi,'' jedhan ibsa baasaniin.
Dabaluunis muka safuu biraa maqaan 'muka kallattii' jedhamu akka hin tuqne dubbatan. Akkatti rogeeyyiin tarree mukkeen kabajamaa qoqqodaniifi gareen lafaa gargari jedhan.
Piroojektii kana hojjechuuf gareewwan warra durii abbootii lafaa irraa heeyyama argachuufi dhimmoota seeraas guutuu dubatu.
"Sagalee Aborijinaalaa sadarkaa hundatti dhageeffataa as geenye,'' jedhan dubbi himaan.
Jalqaba bara kanaatti, holqa Aborijinaalaa durii Awustiraaliyaa dhihaatti argamu, albuuda baasuuf jecha diigamuunsaa uummata dheekkamsiisee ture.