Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi dubartoota 160 gudeeduun shakkame to’annoo jala oole
Lammiin Xaaliyaan ganna 52 yakka gudeeddiifi xuxxuqqaa saalaa 160, keessumma shamarran ganna 18 gadii irratti dalaguun shakkamee Jarmanii keessatti barbaadamaa ture, Faransaayitti to’annoo jala ooleera.
Qaamni yakkamtoota adamsu Firaans BNRF akka himetti namichi kun Jimaata darbe magaalaa Rumersheim-le-Haut keessatti to’annoo jala oole.
Bara 2000 fi 24 gidduutti haleellaa keessuma maatii ijoollee gudeede irratti raawwateef barbaadamaa ture.
Qondaaltonni Germanii keessatti hanga ammaatti himanni 122 irratti dhiyaate jira jedhu.
Gabaasi Firaans, yakkoota inni itti shakkamee barbaadamaa ture keessaa ture intala isaa durbaa waggootii dheeraaf gudeeduun isaa tokko ta’uu ibsa.
Aaanga’onni Garmanii jalqaba aanga’oota Firaansiin shakkaman daangaa ce’uu isaa kan beeksisan Onkoleessa 7 irratti ture.
Bakki inni jiru guyyoota muurasa booka barama Onkololeessa 16 to’annoo jala ooleera.
Amma hanga adeemsi biyya biraatti dabarsanii kennuu xumuramutti Kolmaar keessatti hidhaa jira.