Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormii tibbanaan Naayijeeriyaatti namoonni 69 ajjeefamu Pirezidant Buhaarii himan
Mormii 'gara jabeenyaa' poolisiirratti lammiileen Naayijeeriyaa gidduu kana bahaniin walqabatee hanga yoonaa namoonnii 69 ajjeefamuu Pirezidantiin biyyattii Muhaammadu Buhaari himan.
Kanneen lubbuu dhaban lammiilee nagaa, poolisoota, akkasumas miseensota waraanaa ta'u ibsan.
Gareen mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaal jalqaba torban kanaa yoo xiqqaate namoonni 56 ajjeefamuu akka hin oolle ibsee ture.
Gareen dura aantummaan ummata daandiitti baasuuf waamicha taasisaa ture ammatti ummanni mana akka turu ergaa dabarseera.
Daandileen magaalaa guddoo Naayijeeriyaa, Leegos, yeroo ammaa namni irrati hin mul'atu. Ta'us, namoonni yaaddoo qabu.
Mormiin kuni torban lama dura kan eegale yoo ta'u garee poolisii 'gara jabummaan' himatamuufi Special Anti-Robbery Squad (Sars) jedhamu akka diigamu gaafachuun eegale.
Gareen poolisii kuni diigamuus garuu mormiin itti fufe.
Artistoonni mormii deeggaruu
Artistoonni bebbeekamoon addunyaa Rihaanaa, Kanye West, Nikii Minaaj fi Biyoonseen mormii lammiileen Naayijeeriyaaa gocha gara-jabinaa poolisii biyyattiirratti gaggeessaa jiran deggaran.
Lammiileen biyyattii hiriira mormii gaggeessaa jiran garuu yaada deggarsa Biyoonseen agarsiiftetti hin gammanne, sababni isaas ifaa miti.
Komediyaaniin lammii Afriikaa Kibbaa ta'e Tirevor Noohi ammoo akkuma US keessatti argaa jirru, Naayijeeriyaa keessattis wayita poolisiin hiriira mormii uummataa humnaan cabsu argineerra jechuun tiwiitarii isaarratti barreesse.
Waltajjii idila-addunyaarratti beekamtii kan qabanii fi jaalalaa fi kabaja uummata addunyaa biraa kan qaban namoonni kunneen karaa miidiyaa hawaasummaa deggarsa hiriirtota Naayijeeriyaaf agarsiisuuf duula eegalanii jiru.
Weellistuu Rihaanaan suuraa alaabaa Naayijeeriyaa dhiigaan faalame tiwiitarii irratti maxxansite.
Dhalli namaa akka hin taanetti wayita dararamu teenyee ilaaluu caalaa wanti nama gubu hin jiru jechuunis barreessite.
Weellistuu Nikii Minaaj ammoo ''Sagaleen keessa dhagahamaa jira'' jechuun kallattummaan hiriirtotatti dubbatte.
Lammiilee Naayijeeriyaa falmataa jiran bira nan dhaabbadha, nan kadhaaf jette.
Weellistuu Biyoonseen ammoo karaa dhaabbata tola ooltummaa ishee, waan dabarsite qabdi. Dhimmishee garuu gaaffii guddoo kaase.
''Gocha gara jabinaa Naayijeeriyaa keessatti raawwatamaa jiruun onneen kiyya daran gadditeetti. Qaamolee biroo waliin ta'uun deggersa fayyaa, midhaan nyaataa fi iddoo da'annoo ni deggerra'' jette.
Yaadishee kun garuu hawaasa biratti fudhatama guddaa hin arganne.
''Eenyutu Biyoonseedhaan beelofneerra jedheen?'' namni meeshaalee dijiitaalaatiin hojii hojjetu Papi Jay.
Namni kan biraan Mersii Ehimare jedhamtu ammoo ,''Nuti akka beela hin qabne namni dubartii kanatti nuuf himu hin jiruu? Qabsoo lubbuun jiraachuuf taasifnu nama nu bira dhaabbatee nu deggeru barbaanna nuti'' jechuun deebisteef.
Namoonni tiwiitara irratti yaada kennan kunneen akka waan Biyoonseen akka hiyyeeyyiitti isaan ilaaluun isaan tuffatteetti yaadanii mufatan.
Kanarraa kan hubatamu hiriirtonni kan barbaadan nama isaan bira dhaabbatee sagaleessaanii waltajjii addunyaatti baasu malee nama midhan nyaataa isaaniif dhiyeessu miti.
Hordoftoota miiliyoona 15 tiwiitarii irraa kan qabdu Biyoonseen ergaan isheen maxxansitu nama hedduu bira hatattamaan ga'a.