Filannoo US 2020: Tiraampiifi Obaamaan duula filannoorratti walitti dhaadatan

Baraak Obaamaa

Pirezidaantiin US Doonaaldi Tiraampiifi kan duraanii Baraak Obaamaan deggartoota kumaa kitilaan ba'an fuulduratti duula filannoo wayita gaggeessan akkaan walitti dhaadatan.

Kaadhimamaa dimokiraatotaa tumsuun wayita bulchiinsa Peenselveeniyaa duula gaggeessan Tiraamp nama maraataafi nama sanyiin nama qooduudha ittiin jedhan.

Kutaa biyyaa Kaaba Kaarolaayinaatti duula na filadhaa kan gaggeessan Tiraamp ammoo bu'aa filannoo bara 2016 irratti yaadi Obaamaan kennaa turan dogoggora ta'uu eeruun ittii qoosan.

Filannoo Ameerikaaf guyyaan 13 qofti wayita hafu kanatti kaadhimamaan dimokiraatotaa Joo Baayidan akka biyyaatti dursaa jiru.

Lammiileen Ameerikaa miiliyoona 42 ta'an dursanii sagaleesaanii karaa poostaa fi qaamaan argamuun kennaniiru.

Haala kanaan lammiileen biyyattii guyyaa filannoo dura wayita sagalee kennan kun isa guddaadha.

Tiraampi dubbii Obaamaa dhaggeeffachuurraa duubatti hin jenne

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraampi dubbii Obaamaa dhaggeeffachuurraa duubatti hin jenne

Pirezidaanti Tiraampi, lammiileen Ameerikaa ''Ana nama diinagdee haala addaan dandamachiisuuf kutatee fi Joo Baayidan nama diinagdee biyyaa laamshessuuf deemu gidduudhaa filatu'' jedhan.

Sagalee olkaasuun akkaataa gurra namaa seenee dhageettii sirrii argatuun dubbachuun kan beekaman Baraak Obaamaan, Joo Baayidaniif akka ajaayibaatti falmaniif.

Pirezidaanti Tiraampis yaada Obaamaa fudhachuurratti akka duraanii hin rincicne.

Garuu akkas jedhan,''Hilary Kilintaniif kan akka Obaamaa falme jiraa?'' jedhan, yaadasaanii bara 2016 bu'aa filannoo ilaalchisuun kennan qeeqanii itti qoosan.

''Inni yeros bakka hunda ture. Wayita sana namni Hilary caalaa aare Obaamaadha'' jedhan.

Baraak Obaamaan ammoo koronaavaayirasii fi diinagdeerratti jabeessanii Tiraampi qeeqan.

''Yoo Baayidan filatame, pirezidaantiin waan hundarratti gadi ba'ee nama arrabsu, kan nama isaan mormu dararuu fi hidhu ni obbaafanna. Kun amala pirezidaantiirraa eegamu miti'' jedhan Obaamaan.

Nama akkasaa maraataa ta'e malee, namni kamuu amala akka Tiraampi kana baatee deemuu hin qabu jedhan.

Baraak Obaamaan itti aansuun bulchiinsota Filooriidaa, Miyaamii fi Orlaandoo keessatti duula filannoo gaggeessuuf jiru.