Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ijaarsi gamoo Adaamaatti of eeggannoo malee ijaaramaa ture namoota afur galaafate
Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Adaamaatti ijaarsi gamoo of eeggannoo malee ijaaramaa ture jedhame lubbuu namoota afur galaafate.
Itti gaafatamtuun waajjira kominikeeshinii magaalaa Adaamaa Aadde Raawudaa Huseen BBC’tti akka himanitti balaan kuni hojjettoota humnaa afur ajjeesuun namoota lama ammoo balaa qaamaa cimaaf saaxileera.
Bakki balaan kuni dhaqqabe kutaa ganda Irreechaa jedhamee waamamu keessattidha.
Ganda kanatti namni dhuunfaa mana moofaa duraan ture diiguun gamoo haaraa ijaaraa ture.Ta’us, keenyan (girgiddaa) gamoo moofaa sanaa guutumatti osoo hin diigin ijaarsa gamoo haaraa itti fufaa waan tureef keenyan moofaan akka dallaatti fayyadamaa tureyemmuu jigutti balaan kuni kan gahe.
Ijaarsa haaraa kanaaf mana duraan ture guutumatti diiguu dhabuu fi gamoo haaraa kanaaf keenyan dallaa duraanii jalli isaa waan qotameef yeroo hojjettoonni humnaa hojiirra turanitti waan kufeef namoota afur galaafate jedhan Aadde Raawudaan.
Jiguun kan lubbuu namoota kanneenii galaafates gamoo osoo hin taane keenyan mana moofaa kan yeroo gamoon ijaaramu diigamuu qabuturedha jechuun himan.
Namoonni lamaan balaa cimaan irra gahes hospitaala rifaraala Adaamaatti yaalamaa jiraachuus himaniiru.
Bakkeewwan Itoophiyaa garaa garaatti ijaarsa of eeggannoo maleefi qulqullina hin qabneen balaan akkanaa irra – deddeebiin mudatuun ni yaadatama.
Namoonni ijaan argan maal jedhu?
Keenyaan mana moofaa namoota ijaaranirratti yeroo jige namoonni argan iyya dhagahuu dubbatu.
Kanneen du'an namoota isa waliin dalagan akka ta'an akkasumas yeroo balaan dhaqqabe gamoo gubbaa ta'u kan himu dargaggoo Ibsaa Ayyaanaa waan ta'e akkanaan hima.
''Girgiddaa (keenyaa) kana ijaaruuf natti fakkaata jala isaa soqaniiru. Isaan booda irrumatti gad - deebi'e. Iyyuuma dhageenye. Nuti torbaffaarraa gadi buunee dhufne gaafa ilaallu irruma jigee jira''
Irraa kaasuudhaaf yeroo itti fudhachuu kan himu Ibsaan afranuu dhiira ta'u BBC'tti hime.
''Mana moofaa durumaa kan ijaaramee turedha. Gara biraa biraan ijaaranii as ol baasuuf ture. Isa duriitu irratti gad - deebi'e jige.''
Oollaa balaan dhaqqabe ta'u kan himtu shamarree Asnaaquu Dachaasaammoo gamoo jige jalaa namoota afur yoo fuudhan arguu BBC'tti himte.
''Ani yeroo axirii (dallaan) jigu qofan arge jedhan. Yeroo balaan dhaqqabees ''namoonni hin boo'ani,'' jechuun BBC'tti himaniiru.