Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Faransaayitti barsiisaa haala suukanneessaan ajjeefameef kumaatamni deeggarsaaf bahan
Firaansitti barsiisaan Saamu’eel Paatii kaartunii Nabiyyuu Mohammaad erga barattootatti mul’ise booda mormi qalamee ajjeeffamuu hordofee, hiriirri deeggarsa isaaf namoonni kumaatamatti lakka’aman irratti hirmaatan biyyattii keessatti bahame.
Namoonni hiriira kanarratti argaman dhaadannoo "Je suis enseignant" ( anis barsiisaadha), akkasumallee dubbii MM biyyatti Jiin Kastex dubbatan: ''Nuti Firaans!’’ jedhu qabatanii bahaniiru.
Namtichi ajjeecha barsiisaa kanaatti shakkame Abdollaah, poolisiin Jimaata darbe mana barnootaa Paarisitti dhiyaatee argamtu tokko cinatti itti dhukaasee ajjeese.
Sana booda namoonni 11 qorannoo dhimma kanaan walqabatuuf hidhamaniiru. Namoota hidhaman ilaalchisees odeeffannoon bal’aan hin kennamne.
Firoottan dhiyoon shakkamaa kanaa afur ajjeecha raawwatame booda garuu to’atamaniiru.
Namtichi daai’masaa mana barnootaa kanatti barsiifatufi barsiisaan amantii midiyaaleen Firaansiin finxaalesummaa qabaachuu ibsame dabalatee, namoonni ja’a kanneen duraan to’atamanitti dabalataan Sambata darbe qabamaniiru.
Pirezidantiin Firaans Imaanu’eel Maakiroon barsiisichi ‘’bilisummaan yaada ofii ibsachuu barsiisuu isaatiif ajjeefame,’’ jedhan.
Ajjeechaan barsiisaa kanarra kan qaqqabe dhaddachi namootni haleellaa Chaarlii Hebdoo bara 2015 qaqqabsiisan wayita gaggeeffamuu itti fufe kanattidha.
Eessaffaatti hiriira bahan?
Hiriirri deeggarsaa barsiisaa kanaaf Paaris iddoo de la République jedhamu guutuun kan bahame yoo ta’u, kantibaan magaalichaa hiriira kanatti dabalamaniiru.
Haleellaa bara 2015 Chaarlii Hebdoorraa qaqqabe booda namoonni miliyoona tokkoo fi walakkaan hiriira bahanii turan.
Hiriira Dilbata kaleessaa bahameerattis namni tokko mallattoo ’’diina farra Rippaabilikaaf obsa hin qabnu’’ jettu qabatee baheera.
Namni biraan tokkos ‘’Ani pirofeesara, Saamu’eel waa’een kee na yaachisa’’ barreeffama jedhu qabatee bahe.
Dubartiin lammii Firaans amantii Islaamaa hordoftu hiriira kanarratti hirmaatte, ajjeecha barsiisaa kanarratti raawwatametti mufachuu dubbatte.
Ministirri barnootaa biyyattii Jiin Mishel Bilanquyer, Firaansii yoo tokkoomte, diina farra dimokiraasii injifachuutti milkooftii, kana immoo barsiisonni biyyattii keessa jiran hundi deeggaruu qabu jedhan.
Barsiistuun hiriira Paaris irratti hirmaatte Natalii jedhamtu ‘’Barsiisuurra otoo jirtuus du’uun akka danda’amuun bare, kanaafan hiriira kanarratti hirmaadhe,’’ jettee Le Monde'tti himteetti.
Liil iddoo jedhamuttis namoonni baanaroota fi waraqaarratti barreeffama ‘’Anis Saamu’eeli ‘’ jettu baatan argaman. Namoonni kumaatamatti lakka’aman Bilikoor, Liyoon keessatti bahuun kabaja barsiisaa kanaaf qaban mul’isan.
Jimaata darbe maaltu ta’e?
Akka abbaan alangaa farra shororkeessummaa Jiin Firankos Richaard himetti, shakkamaan kun magaala Normaandii kan taate ‘Évreux’ jedhamtu jiraata ture. Iddoo barsiisichi ajjeefameerra 100km fagaata.
Nami ajjeefame barsiisaa seenaafi hawaasaa, ganna 47, Saamu'el Paati jedhamudha.
Dargaggeessi ganna 18 hidda dhaloota Chichiniyaa qabuu fi Mooskootti dhalate Abdulah jedhamu, gara mana barnootaa barsiisaa Paatiin itti barsiisu Jimaata darbe kana dhaquun, barattootni barsiisaa kana akka itti agarsiisan gaafataa ture.
Sana booda Paatiin wayita hojiisaatii bahee gara manasaatti qajeelu hordofee, haaduun mataa waraanee morma irraa kute.
Namoonni ta’ii sana argan akka jedhaniitti, namtichi haleellaa kana raawwate "Allahu Akbar" yookaan ‘’Rabbii guddaadha’’ jechaa ture.
Poolisoonni wayita bira qaqqaban dhukaasa isaaniirratti bane, poolisiin dhukaasa deebise yeroo sagal rukutee ajjeeseera. Albeen sm30 dheeratuus dhiyeenya sanatti argameera.
Qondaaltonni naannichaa akka himanitti, namtichi haleellaa sana dura balleessaa xiqqaa raawwachuun mana murtiitti dhiyaatee ture.
Qorannoon ammatti maal agarsiisa?
Barsiisaan ajjeeefame kaartuunii suura nabi Mohaammad fakkeeffame barattoota daree barsiisutti erga agarsiisee booda irratti qiyyaafatameera.
Barsiisaan ji’oogiraafii fi seenaa kun barattootni Muslimaa kaartunii inni agarsiisuu ilaaluu yoo hin barbaanne, ilaaluu dhiisuu akka danda’an itti dubbatee ture.
Maatiin barataa gochaa barsiisa kanaatti dheekkamanii mana barnootaa dhaquun komii dhiyeeffatan.
Namtichi fi akkasuma lallabaan amantii fi rogeessii Abdulhakiim jedhamu, barsiisaa Paatii akka hidhamu gaafachuu isaanii viidiyoo waraabame kan agarsiisu.
Waggoota dheeraaf qaamolee tika biyyattiin kan hordofamaa ture Abdulhakiim ammaatti abbaa isaa wajjin hidhamaniiru.