Koronaavaayiras: Carraan qorichi remdesiviir Covid-19 fayyisuu 'xiqqaadha' jedhe WHO

Bu’aan qorannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) akka mul’isutti carraan qorichi farra vaayirasii remdeesiiviir dhukkubsattoota Covid-19 fayyisuu qabu xiqqaadha.

Remdeesiiviir qorichoota yaala koronaavaayirasiif dursa itti tajaajilamaa turan keessaa isa tokko yoo ta’u, dhiheenyatti yeroo Doonaald Tiraamp hospitaala turanitti kennameerafi.

Dhaabbanni qorichicha oomishu Jiiliyad argannoo yaalii kanaa hin fudhu jedheera.

Argannoon WHO maal inni?

WHO qorichoota afur yaala Covid-19 ooluu danda’an jedhee qorannoorratti taasisaa ture remdeesiiviir- qoricha Iboolaa, haayidirookiloorooquniin – qoricha busaa, qoricha madinummaa gabbisu akkasumas qorichoota HIV lopinaaviirii fi ritoonaaviiriidha.

Deeksaameetaasooniin qoricha isteeroyidii gatii rakasaa yoo ta’u, yeroo ammaa kanatti UK’tti dhukkubsattoota Covid-19 fayyadamamaa jira, ta’us garuu qorannoo kana keessatti hin hammatamne.

Qorichoonni afuran kunneen dhukkubsattoota gameeyyii 11,266 hospitaalota 500 kan biyyoota adda addaa 30 keessa jiran irratti yaalamaniiru.

Saayintistiin WHO Dr Soomyaa Iswaamiitan akka jedhanitti yaaliinsaanii haayidirookiloorookiniin fi lopiinaaviir/ritoonaaviir sababa bu’a qabeessummaansaanii gad aanaa ta’eef ji’a Waxabajjii keessa dhaabateera jedhaniiru.

Yaalii isaan kaanii akkuma itti fufetti jira.

Yaaliin WHO kan dhaabbanni Jiiliyaad jalqaba ji’a kanaatti taasise waliin walfaallessa.

Qorannoon Jiiliyaad dhukkubsattoota 1,000 irratti taasise akka mul’isutti dhukkubsattoonni Covid-19 remdeesiiviir fudhatan yeroon itti fayyuu danda’an guyyoota shaniin gabaabsa.

Deebiin jiru maal fakkaata?

Dhaabbanni Jiiliyaad argannoo WHO kana fudhatama hin qabu jedheera.

UK’tti yaalii bayyanachuu kan taasisan Piroofeesar Maartiin Landireyi bu’aan qorannoo “murteessaadha ta’us garuu itti yaadda’uu qabna” jedhaniiru.

Dabalataanis heddumminaan argamuu fi gatiin qorichaas waan biraa nama yaachisuudha jedhaniiru.

“Covid-19 guutuu addunyaarratti namoota miiliyoonaan laakka’aman miidheera. Dhukkuba salphaa miti. Yaala gatii rakasaa, hamma barbaachisuun oomishamu akkasumas namoonni hundi walqixa argachuu danda’an barbaanna.”

Remdeesiiviir Caamsaa 1 ture US keessatti akka dhukkubsattootaaf kennamu Abbaa Taayitaa qorichaa Ameerikaan hayyame. Boodarra ji’uma Caamsaa keessa UK keessatti hayyamame, achi booda biyyoonni heddu itti fayyadamuu jalqabaniiru.

WHO yeroo ammaa kanatti yaaliiwwan yaala Covid-19’f oolan taasisaa jira jedhan Dr Soomyaa Iswaamiitan. Kanaanis qorichoota farra vaayirasii haaraa ji’oota darban keessa argamanii fi isaan kaan irratti hojjataa jirra jedhaniiru.

Gama biraatiin, qorattoonni Chaayinaa talaallii yaaliirra jiru nageenyummaansaa mirkanaa’uu fi madiinummaa qaamaa akka gabbisu himaniiru.