Naa'ol Dhaabaa: 'Dandeettiifi beekumsa teknoloojii qabuun balaa awwaannisni fidu ittisuuf hojjechaan jira'

Hoomaan awwaannisaa Oromiyaatti Godinaalee Harargee lamaanii fi Shawaa Bahaattis babal'achaa jira.

Balaa dhufe kana too'achuuf hawaasnii fi qaamni mootummaas waan danda'aniin yaalaa kan jiran yoo ta'u, dargaggoo Naa'ol Dhaabaa ammoo dirooniidhaan keemikaala farra awwaanisaa biifuun tumsaa jira.

Guyyoota sadiif Harargee Lixaatti guyyaa tokko ammoo Shawaa Bahaatti keemikaala kana akka biifes BBC'tti himeera.

"Dirooniidhaan hojiilee qonnaa deeggaruu eegan jalqabee amma gara waggaa tokkooti. Keemikaalota farra aramaa biifuufi hordoffii oyiruutiifan diroonii kana fayyadamaa ture. Keemikaala farra awwaanisaa biifuun kuni garuu kan jalqabaati" jedha.

Guyyoota afran darbe kanattis hoomaa awwaannisaa midhaaniifi oyiruu balleessuu danda'utti keemikaala kana biifnee ajjeesneerra jedha Naa'ol.

"Ganama barii awwaannisni kuni bakka bulerraa dafee hin ka'u kan inni gara biraatti socho'u yeroo aduun itti ho'edha. Nutimmoo barii osoo inni bakka qubate sanaa hin socho'iini kan diroonii kanaan bakka qubatetti itti biifnu" jedha.

Guyyoota afran darbettis keemikaala farra awwaanisaa kan liitira 100 caalu biifuus himeera.

"Dirooniin tuni humna qabdi. Akkuma ati itti fayyadamteratti hundaa'a. Yoo saffisa guddaadhaan fayyadamta ta'e lafa bal'aarratti biiftee ooluu dandeessa.

''Guyyaatti garuu giddu galeessaan lafa hektaara 65 irratti biiftee ni oolti. Kuni humna namaatiin osoo jettee waan hin yaadamnedha," jedha.

Keemikaala kana biifuun biifaa karaa humna namaa fi xiyyaaran taasifamu wajjin yoo madaalamu kan diroonii kuni bu'aa qabeessummaa qabas jedha Naa'ol.

"Xiyyaara yoo fudhatte gadi buutee keemikaala kana lafa hunda qaqqabsiisuu hin dandeessu. Bosona keessa, bakka teessuma mijataa hin qabne keemikaala kana sirnaan hin qaqqabsiisu.

''Dirooniin ammoo gadi siqxee lafa hunda seentee waan biiftuf caalatti bu'a qabeessa. Keemikaalas hin qiisaasessu. Akka xiyyaaraa yoo kufes miidhaan namarra gahu hin jiru," Jedha.

Dhaabbata teeknolojii diroonii 'N Jet Dynamic' hundeessuun kalaqawwan teeknolojii diroonii baay'inaan biyya keessatti qindeessuuf hojjechaa jiraachuus himeera.

Dirooniiwwan amma keemikaala farra awwaannisaa biifaa jiran kanas meeshaalee isaanii alaa galchuun biyya keessatti walitti suphanii fayyadamuu dubbata.

Fuula duratti dirooniiwwan hedduu bobbaasuudhaan balaa ummata keenyatti dhufe kana teeknolojiidhaan irraa qolachuuf hojiiwwan gurguddoo hojjechaa jirras jedha.

"Teeknolojii diroonii kana cimsinee itti fayyadamaa deemna. Fuuladuratti rakkoon walfakkaatuu fi kan biraas yoo dhufe kaampaaniin keenya dandeettiisaa guddisee hawaasa keenya bira dhaabbata.

''Rakkoo ummataa miti rakkoo nama tokkoo furuun waan guddaadha," jedha Naa'ol.

Biifaan keemikaalaa tibba kana taasisan muuxxannoo keemikaala farra awwaannisaa biifuu kana irratti waan horataniif rakkinichi yoo babal'ataa deeme dirooniiwwan daballee hojii kana itti fufnas jedheera.