Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantiin Yugaandaa Museeveeniin maqaa ijoollummaa isaaniitti deebiyan
Pireezidantiin Yugaandaa ifatti maqaan isaanii Yoweerii Kaagutaa Museeveenii yogguu tahu, maqaa ijoollummaasaanii Tibuhaburwa jedhamu itti dabalaniiru.
Maqaan kun maqaa afaan itti hiikkatanii Afaan Runyankore yogguu tahu, hiikni isaas "isa gorsa hin fudhanne yookaan kallattii agarsiisan kan didu,'' jechaadha.
Maqaan kun maqaa hawaasa Oromoo keessatti Didaa yookaan Dhibaa jedhamu waliin walfakkeenya qaba.
Jijjiirraan maqaasaanii kun lammiileen biyyattii intarneeta gubbaatti akka qoosaniif sababa taheera - kaan hojiin gorsitootasaa maali jechuun gaafachaa turan.
Museeveeniin akkuma namni maqaa jijjiiratu kaan godhutti Labsii 'Registration of Persons Act' jedhamuun galmaa'aniiru. Maqaan isaanii amma booda ifatti itti beekaman Yoweri Tibuhaburwa Kaguta Museveni taha jechuudha.
Maqaa haaraya amma dabalatan kanaan yeroo garagaraatti yaamamaa kan turan yogguu tahu, aangoosaanii ganna 34 keessatti garuu ifatti itti fayyadamanii hin beekan.
Dokimantii seeraa Onkololeessa 6tti ragahe akka agarsiisutti, pireezidant Museeveenii, maqaan haaraan kun raga barnootaasaanii irratti yeroo hunda akka ture agarsiisa.
Akka namoonni jedhanitti, jijjiirraan maqaa Aabba Museeveeniin amma taasisan kun, tarii filannoo biyyaalessaa 2021tti adeemsifamu waliin walqabata jedhu.
Akkamiin jennaan - Komishiniin Filannoo biyyattii kaadhimamtoonni dorgoman, maqaan isaanii itti galmaayaniifi kan barnoota isaanii walsimuu qaba jechuun akka ulaagaa tokkotti waan baaseefi.
Komishinichi dhiiyeenya kana akka ibsetti, warreen maqaan isaanii raga barnootaafi kan itti galmaawan wal hin simne, kaadhimmummaa keessaa ni baasna jedheera.
ALA 2017tti, manni murtii tokko erga miseensi paarlaamaa tokko filannoo mo'atee boodda, sababa maqaansaa ragaalee garagaraa gubbaatti waan wal hin simneef jecha, bu'aa filannichaa jalaa haqeera.