Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godaansa: Godaantonni Itoophiyaa ta'uu hin oolle jedhaman Jabutiitti deebiyaa turan du'an
Qarqara galaanaa Jabutiitti yoo xiqqaate godaantonni saddetti du'anii, 12 ammoo eessa buuteen isaanii dhabamuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejensiin Dhimma Baqattootaa beeksise.
Godaantonni du'aniifi achi buuteen isaanii dhabame kunneen qarqara galaanaa Jabutiitti warreen seeraan ala namoota dadabarsaniin dirqamaan bidiruu irraa erga darbatamanii booda jedhameera.
Akka gabaasa Ejensichaatti, godaantonni 30 ol ta'an bidiru sanaan imalaa turan kunneen lammilee Itoophiyaa ta'uu malu jedhmameera.
Godaantonni qarqara galaanaatti balaan irra gahe kunneen Yaman irraa gara Afrikaa Bahaatti deebii'uudhaaf yaalaa kan turaniidha.
Dubbi Himaan Dhaabbata Dhimmoota Godaantotaa Idil-addunyaa (IOM) namoonni balaa kanarraa hafan 14 Jabutiitti wallaansa fayyaa argachaa jiru jedhan.
Saawud Arabiyaan tarkaanfii weerara koronaavaayirasii to'achuudhaaf jecha fudhachaa jirtuun godaantota gara biyyashee seenuuf jedhan ari'ataa jirti.
Sababa kanaanis godaantonni Afrikaa 14,000 ta'an gara biyyaatti deebii'uuf yaalan Yamanitti danqamanii jiru.