Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Dr. Tedroos dhibee Covid-19n kan qabaman Tiraampiif ergaa 'isin yaa maaruu' dhaaman
Dareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), Dr Teediroos Adhaanom Gabaryasus pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraampiifi haatii warraasaanii Maleeniyaa Tiraamp dhibee Covid-19 irraa akka fayyina hawwaniif jedhan.
Doonaald Tiraampiifi Giftii duree Meelaaniyaa Tiraamp, Covid-19 qabamunsaanii har'a ibsame.
Haaluma kanaanis ergaa Dr Teediroos karaa tiwiitaraatiin dabarsaniin, Tiraampiifi Giftii dureedhaan 'dafaa fayyaa' jedhaniinii jiru.
Pirezidant Tiraamp Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irra deedeebiin akkaataa itti weerarichaaf deebii kenneeratti qeeqaa turunsaanii ni yaadatama.
Akkasumas, Tiraamp bara kanatti walitti dhufenya Ameerikaafi Dhabbannii Fayyaa Addunyaa waliin qabdu dhaabuusaanii beeksiisaniiru.
Kaanaafis dhaabbatichi 'gutummaan to'annoo Chaayinaa biyya vaayirasichi yeroo jalqabaatiif irraa maddee jala' jira jechuun balaaleeffatan.
Ameerikaan biyyaa qfaashee eejjansiiwwan fayyaa addunyaa Motummoota Gamtoomaniif maallaqaa olaanaa gumattuudha. Kunis biyyoonni kunuunsa fayyaa saanii akka cimsaniifi weerara akka ittisaniif kan gargaaruudha.
Dr Teedroos garuu komii Tiraampi dhiyyeessu hundaafu dhaabbannii isaanii walaba jechuun falamaa turan. Haa ta'u malees, adeemsa tarkaanfii ittisa weerarichaa irratti dhaabbatichi fudhate kan xinxalan ta'u waadaa galanii ture.