Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Irreecha: 'Lakkoofsa hanga kanatu hirmaata jechuun gahee mootummaa miti'- Obbo Geetaachoo Baalchaa
Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa ayyaanni keenya dhuukkubaafi rakkoo nageenyaaf osoo hin saaxilamiin kabajamuu qaba jedhan.
Gama lakkoofsa namoota Irreechaa irratti argamuu qabuu ilaalchisuun ammoo, ''lakkoofsa hanga kanaatu hirmaata jechuun gahee mootummaa miti, kana kan murteessu abbootii Gadaatu ardaalee jilaa waliin marii'atee murteessa,'' jedhan.
Obbo Getaachoon, ''namni dukkana keessaa ifatti baheera jedhe galata Raabbiif galchu argamudhaaf lakkoofsaan ayyaana kabajnu hin qabnu,'' jedhaniiru.
Abbaan Gadaa sirnasaa ganama yoo saaqan, ''ati galii irreeffadhuu, ati hin irreeffatiin namni jedhu hin jiru.'' Abbootiin Gadaa ganama sa'atii 11tti malkaa saaqu; sana booda namni barbaade sa'atii fedhetti galateefateeti kan deemu jedha.
''Humni siyaasa godhee itti fayyadamuu barbaadu ijaa jiruuf malee ajandaa mootummaayyuu tahuu hin qabu ture jedhan Obbo Geetaachoon.
Haata'u amlee, ''qaamooleen kabaja ayyaannichaa tahe jedhanii gara hokkaraatti akka geeddaramu barbaadan kallaattii arafaniin sochoa'aa jiru,'' jedhan.
Finxaaleyyiin paartilee adda addaa ayyaanichi nagaan akka hin kabajamne sochii garaa garaa raawwataa jiru, kanaaf of eeggannoon godhamuu ni qabaata jechuun akeekkachiisan Obbo Getaachoon.
Kana malees, daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaafi qarshiin nootii haaraa kanaan wal-qabatee sochiin maallaqa dhoksuun waan jiruuf dhimmoota kana to'achuuf karra Finfinneetti galchu maratti sakatta'insi taasifamaa jiraachuu himan.
''Haata'u malee, namni nagaa akka Finfinnee hin galle dhorkame hin jiru,'' jedhan.
Gama fayyaatiinis ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaatiin booda namoonni baay'inaan waan walitti qabamaniif, 'Oromiyaa keessatti facaatiin dhibee Covid-19 dhibbeentaa 500 dabaluusaa Obbo Geechaachoon akka fakkeenyaatti kaasaaniiru.
Kanaafuu, ammas wayita Irreechi kabajamuutti waan walfakkaataan akka hin mudanneen hirmmaattoonni of eegannoo barbaachisu taasisuu qabu jechuun dhaamaniiru.
'Dhimma baajii'
Akkuma duraanii irreeffattoonni ardaalee saglan irraa yeroo dhufan waan ittiin adda baafatan qabaachuu ni danda'u.
Kana lakkoofsa murteessuuf otoo hin taane, ''sababa nageenyaaf namni beekamuu waan qabuuf,'' jedhan.
Obbo Geetaachoon, ''namootni nagaan irreefachuuf deeman baajiidhaan moo mallattoo biraatiin adda baasuu kan jedhu Abbootii Gadaadhumatu murteessa,'' jedha.
Abbaan Gadaa Goobanaa Holaa gama isaanitiin, 'dhimma nageenyaa qaamni nageenyaa akka raawwachiisu, kan fayyaas warri fayyaa akka hordofu murteessineerra jechuusaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.
Gama biraatiin ammoo imalaan maqaansaa akka hin dhahamne gaafateefi Harargee Bahaa irraa Irreecha Finfinneetti kabajuuf dhufee tokko BBCtti akka himeetti, iddoo irraa kaasee hanga Finfinnee gahutti magaalaa garaagaraa irratti al 20 ol sakatta'ameera.
''Korojoo xiqqoo harkatti baatamtu dabalatee alaabaafi wayyaa aadaa irraa fuudhanii namoota tokko tokko yoo qaban argeera,'' jedhe.