Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Firaans: Namichi tumaa hedduu qabu daa’imman akka hin barsiisne dhorkame
Firaansi keessatti namichi tumaa hedduu qabachuun tokkoffaa ta’ee bifa isaa irratti komii maatii tokko irraa dhiyaateen booda olmaa daa’immanii keessatti akka hin barsiifneef dhorkame.
Silviyaan Helanee qaamasaa, fuulaa isaafi arrabaa isaa tumaateera, ija isaas ammoo gutummaatti gurraachaa akka ta’u godheera.
Silviyaan ganna 35, ammayyu daa’imman wagga ja’aafi isaa ol barsiisaa jira.
Daa’imni maatiin isaa koomiii kaasan barataa isaa akka hin turre himuun barattoonni isaa ammoo waan isa beekaniif bifa isaa irratti rakkoo akka hin qabne hima.
“Namootni yeroo fagootii na argan qofadha kan isaan hamaa na se’an,” jechuun Reuters’tti dubbateera.
Silviyaa maqaa masoo, “Freaky Hoody” beekamu wagga darbe mana barnoota magaalaa Palasee keessa barsiisaa yeroo turetti, daa’imni ganna sadii isa argee booda abjuun weeraruu isaa maatiisaatti hime jedha.
Maatiin daa’ima kanaas anga’oota barnoota biraa deemuun komii dhiyeessan. Ji’a lama booda anga’oonni da’immaan umurii sanaa barsiisuu akka hin dandeenye yemmuu itti himan hedduu gadduu isaa dubbata.
Tumaan isaa daa’imman namoota isaan hin fakkaanne akka simatan barsiisuu danda’a jedha Silviyaan.
“Daa’imman na argan namoota simachuu baru. Yeroo ga’eessonni jibba sanyiis ta’e saalaa qabaatan, isaan nama qama miidhame arganii akka addaatti hin ilaalan,” jechun BFM TVtti himeera.
Silviyaan tumaa isaa kana tumaachuuf walumaa galatti gara saatii 460 akka itti fudhate tilmaama.
Ija isaa gurraacheessuu ammoo Firaans keessatti waan hin eeyyamamneef gara Siwizerlaand deeme hojjachiifate.