Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siri Laankaan balfa balaafamaa UK irraa itti ergame ofirraa deebiste
Siri Laankaan balfa qabiyyee balaa geessisu of keessaa qaba jettee adda baste konteenarii 21 gara UK deebiste.
Qondaaltonni Gumruukaa biyyattii akka jedhanitti balfa konteenara 263 dhaabbati dhuunfaa tokko gara biyyasaanii erge keessa balfi hospitaalaa ba’e hedduun waan jiruuf balaa uumuu danda’a.
UK gosoota uffataa kanneen akka firaashii, uffata qorraafi kan lafa afatan gara Siri Laankaa erguu akka deebi’ee hojiirra oolu taasifti.
Ammas taanaan balfi hedduun mankuusaa keessa kan jiru yoo ta’u muraasa isaaniitu banamee gara Uk deebifame.
Balfa UK irraa gara Siri Laankaa fe’ame keessatti pilaastikoonnis heddumminaan argamu.
Erga bara 2018 keessa aanga’oonni Siri Laankaa balfa kana of-harka galchanii as dhimmichi seeraan qabamee jira.
Konteenaroonni 21 gara UK kan ergaman Sambata darbe ture.
Dubbi Himaan Gumruuka Siri Laankaa Sunil Jayaratne akka jedhanitti balfi ergame seera Idil-addunyaa fi Gamtaa Awurooppaa kan cabsee fi gocha itti gaafatamummaa hin qabneedha.
Dhaabbati Dhimma Eegumsa Naannoo Ingilaand rakkoo balfa seeraan ala gara Siri Laankaa erguun walqabatee mudate furuuf akka hojjetu ibseera.
Dubbi himaan dhaabbatichaa akka jedhanitti haga ammaatti dhimma kanarratti aanga’oota Siri Laankaa quunnamaniiru,sakatta’iinsa gadi fageenyaan gaggeessanii rakkoo jiru furuuf akka hojjetanis ibsaniiru.