Barnoonni Afaan Amaaraa Chaayinaatti sadarkaa digiriii jalqabaatti kennamuufi

Yuunivarsiitiin Qorannoo Alaa Beejingii biyya Chaayinaa argamu barnoota Afaan Amaaraa sadarkaa digirii jalqabaatti barsiisuufi.

Imbaasii Itoophiyaa Beejing argamutti hoogganaa dippiloomaasii ummataa kan ta’an Obbo Saamu’eel Fistuum Birhaan BBC’tti akka himanitti yuunivarsiiticha keessa wiirtuu qorannoo Afrikatti bara kanarraa jalqabee barnoonni Afaan Amaaraa ni kennama.

Waamicha namoota afaanicha barachuuf fedhii qaban akka galmaa’aniif dhiyaateen lammiileen Chaayinaa 30 galmaa’anii barnoota kutaa jalqabaa hordofuusaanii ibsaniiru.

Barnootichis kan kennamu barsiistuu Yuunivarsiitii Finfinnee kanta’an Dr Sinqinash Attaalee fi lammiilee Chaayinaa Afaan Amaaraan digirii lammaffaasaanii qabaniini.

Asiin dura barattoonni hariiroo idil addunyaa fi gosa barnoota biroo barnoota Afaan Amaaraa dabalataan ni baratu.

Waggaa waggaadhaan barattoonni 20-30 ta’an barnoota Afaan Amaaraa akka barnoota dabalataatti kan fudhatan yoo ta’u; yeroo ammaa kanatti gara digiriitti ol guddachuusaa Obbo Saamu’eel dubbataniiru.

Fedhiin Afaan Amaaraa barachuu dabaluu fi hariiroon biyyoota lamaanii cimaa dhufuusaatiin barnoonni sadarkaa digirii jalqabaatti akka kennamuuf murtaa’uusaa himaniiru.

“Chaayinaan Afrikaa waliin hariiroo ummataa cimsaa jirti. Hariiroon aadaas taasifamaa jira. Itoophiyaan ammo teessoo Gamtaa Afriikaati.

Afaanichi seenaa barreeffamaa dheeraa waan qabuuf afaanicha beekuun aadaa biyyattii beekuuf nigargaara,” jedhu.

Dippiloomaattonni, daldaltoonni akkasumas namoonni ogummaa biraarratti bobba’an biroos afaan Amaaraa barachuuf fedhii akka qaban Obbo Saamu’eel himaniiru.

Namoota sadarkaa biyyaalessaatti qorannoo taasisuuf barbaadaniifis akka gargaaru eeraniiru.

“Lammiileen Chaayinaa Itoophiyaa yeroo deemanitti nama afaanicha isaanii hiiku barbaadu.

''Gara fulduratti dippiloomaatii ta’anii kan hojjatanni jiru. Barnootichi hojii fi hawaasa waliin walii galuuf isaan fayyada,” jedhan.

Kana dura Yunivarsiitii Finfinneetti Inistitiyuutiin Konfishiyasii Chaayinaa hundaa'ee barnoonni Afaan Chaayinaa eegalamuun ni yaadatama.