Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaa seeraa: 'Kan dhaaname osoo adii ta’ee kun hin ta’u ture'
Abbaan seeraa tapha kubbaa miilaa geggeessa ture kaardii diimaa taphataan kenneef fuularra bunyaadhaan rukutus, poolisiin akeekkachiisaan qofa darbuunsaa narifachiiseera jedhe.
Namni ganna 28 Istaayaam Tookii, Adoolessa 9, 2020 wayita Aaktan Iiliingi iddoo jedhamutti tapha geggeessaa turetti ture taphataan dirree keessaa ari’amuuf jedhu al sadii bunyaadhaan kan reebeen.
Waldaan kubbaa miilaa naannoo Sanaa gurbichi waggoota 10’f tapharraa akka dhorkamu godhus, poolisiin akeekkachiisaan qofa bira darbuu isaatu Tookii gaddisiise.
Poolisiin dhimmicha sirriitti erga qulqulleessee booda akkas gochuu dubbatus, Tookiin kanatti hin amanu, sanyummaa kootiif akkas ta’e malee, silaa osoo nama adiitu rukutameera ta’ee akkas hin godhamu jedha.
Kunis eegumsa abbootii seeraa ilaalchisuun ergaa hin taane dabarsa jechuun komata.
"Kanan reebame ani dubbii barbaadee miti, poolisiin maaliif akkasitti akka irra darbe hin beeku. Ijakoo bira miidhamee dhiignis huccuukoo haguugee ture," jechuun BBC Sport’tti dubbate.
"Hojii isaanii sirriitti hojjatan iiru jedhee hin amanu. Baroota darbanitti dhimmi akkasii mana murtii yoo ga’u argeera.
"Dubbachuu hin feene malee akka waan narratti loogameettan fudhadha. Osoo nama adiitu rukutameera ta’ee, haalaan ilaalama turee laata?" jedhe Tookiin.
Taphataan bunyaa sadii nama kanarratti aggaammate hiriyoota isaatiin gargar baafamee, poolisiifi ambulaansiinis itti hirmaatanii tasgabbaa’us boodarra taphichi addaan citeera.
Abbaan seeraa dhimmicha gara buufata poolisiitti geessee himatus, qorannoon erga geggeeffamee booda taphataan sun kana dura gochaa yakkaa waan hin qabneefi wantoota biro qalbii keessa galchuun, akeekkachiisni kennameefi jedha poolisiin gamasaatiin.
Akeekkchiisni kenname kun akeekkachiisa yakkaatti lakkaa’amuu baatus, namni kun fuulduratti badii biraatiif mana murtii osoo dhiyaatee akka ragaa amala badaatti itti fudhatamuu danda’a.
Akka komii abbaa murtii kanaatti garuu, namni gocha akkasii dalagee bira darbamuunsaa abbootii seeraa kubbaa miilaa tola ooltummaan hojjataniif hamilee gadi buusuudha jedha.
Dhaabbanni ‘The charity Ref Support UK’ jedhamus tarkaanfiin kun abbaa seeraa al sadii fuularra bunyaadhaan haleeluun fudhatama akka qabu ergaa dabarsa waan ta’eef, poolisiin tarkaanfii itti gaafatamummaa qabu hin fudhanne jechuun Tookii deeggaruun dubbate.
Abukaatoowwan isaaniis mari’achiisaa akka jiran himaniiru.
Qaamni kubbaa miilaa naannoo Landan hoogganus dhimma qoccolloo abbootii seeraa kamiyyuu haalaan akka ilaalu ibsuun, dhimmichi qorataam jiraachuufi taphataan kun yeroof dhorkiirra akka jiru hime.
Dhimmichi dhimmoota gurguddoo qaama ilaaluun akka sakatta’amaniif ol dabarfamuunis kan barame yoo ta’u, taphataan kun kilabasaa Sporting Club de Mundial keessaa guutummaan guutuutti ari’amee jira.