Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gurraachota Ameerikaa daldala bunaan milkaa'an
Peerneel Cheezaar fi Rood Joonsan Ameerikaa keessatti dhaabbata bunaa fi shaayii Blk & Bold jedhamu hundeesssuun hojii daldalaa keessatti hirmaataa jiru.
Kunneen namoota ganna 33 yoo ta'an, hiriyyoota ijoollummaa Indi'aanaa magaalaa Geeriitti guddatanidha.
Cheezaar fi Joonsan waggoota lama dura bara 2018'tti nama lamaan hojii daldalaa bunaa fi shaayii amma itti jiran jalqaban.
Yeroo ammaa kanatti bunnisaanii US keessatti buna biraandii bal'innaan gabaadhaaf dhiyaateedha jedhamee amanama.
Erga duula Black Lives Matter booda daldallisaanii haalaan guddateera. Bunnisaaniis gabaa jumlaa Taarget,, Hool Fuuds akkasumas akkasumas Amaazon irratti bal'inaan gurgurameera.
Kalaqxoonni hojii kanaa maallaqa buufatanirraa dhaabbata tola ooltummaaf kennu. Bu'aa hojii keenyarraa argannu %5 dhaabbata dargaggoota rakkoorra jiran deeggaruuf kennina jedha Rood Joonsan.
Akkamiin eegalan?
Maallaqasaanii qusachuun maashina buna akaa'u bitatan, achis gaaraajii Peerneelitti buna akaa'ame qopheessuu jalqaban.
"Garaajii keessatti buna akoofna, namoonni ollaas haadha warraa kiyyaan guyyaa tokko garaajiin kun balaan ibidda isa mudata jedhuun fa'a ture," jedha Peerneel. "Yaalii fi dogoggora hedduun as geenye."
Bara Ebla keessa dhaabbatichi weellistuu US beekamtuun erga beeksifame booda haalaan guddateera. Weellistuun Keelii Roowlaand buna isaanii fudhatuun dinqisiifattootasheef qoodaa turte.
Peerneel akka jedhutti erga Joorji Filooyid ajjeefame boodaafi duulli lubbuun gurraachotaa baduu hin qabu jedhu - Black Lives Matter - booda hojiileen daldalaa gurraachotaan durfamu xiyyeeffannaa ol'aanaa argataniiru jedha.
"Deeggarsa guddaa arganneerra, dhaabbata biraandii bunaa sadarkaa biyyaalessatti gurraachotaan durfamu kan keenya qofa ta'uunsaa deeggarsa keenyaaf sababa ta'eera."
Daldalli kunis kurmaana lammaffaa bara 2020 irratti bu'aan argate ji'oota isa sadii duraan jiru dachaa 40'n caaleera akkasumas Amaazoon irratti mi'a haalan gurgurame ta'uun sadarkaa tokkoffaarratti argama ture jedheera dhaabbatichi.
Jalqaba ji'a Fulbaanatti daldallisaanii hojii uumtota (Enterpreneur) waggaa kanaa jechuun erga badhaafaman booda daldallisaanii haalan guddateera.
Badhaasa kanas deeggarsa maallaqa isaan tola ooltummaaf kennanii beekkamtii kennameefidha.
Viiktooriyaa Hoo maamilasaanii yoo taatu daldalli isaanii maamila dargaggeeyyii walitti fiduu keessatti gahee ol'aanaa qaba jetti.
Rood akka jedhutti maqaan Blk & Bold jedhu ergama dhaabbatichaa mul'isa jedha.
"Dabaltaanis eenyummaa keenya akka dhiiraatti, hojii uumtoa ta'u keenyaafi akkaataa jireenya keenyaa ibsa. Nuti gurraacha fi jagnummaa leellisaa turre, ni leellisnas, dhaabbanni keenyas amala kan qaba.''
Dhiheessii jiru guddisuuf namoonni kunneen yeroo dhihootti gara bakka bal'aa iskuweeri meetirii 900'tti bal'atutti hojiisaanii jalqabaniiru. Kunis dhiheessiisaanii si'a afuriin guddisuuf isaan gargaara.
"Ani fi Peerneel waggoota 20 oliif walbeekna," jedha Rood. "Hiriyyummaa jabaa waan qabduuf kan hojii keenya waliin haala gaarii ta'een hojjataa kan jirru.
"Imalli keenya hamma ammaa baay'ee gaarii ture, hariiroo keenya fulduraarrattis abdii guddaa qabna."