Filannoo Tigraay: Paartiin mormituu Naannoo Tigraay filannoo tibbanaarratti rakkoo himate

Paartiilee mormituu Tigraay filannoo addatti naannichi torban darbe adeemsiseefi mootummaan federaalaa 'heeraan ala' jedheerratti hirmaate keessaa tokko rakkoo himate.
Paartiin Saalsaay Wayyaane Tigraay Wiixata ganama ibsa baaseen dorgomtootaafi taajjabdootarratti ''dorsiisniifi dhiibbaan'' gahaa ture jechuun ibse.
Paartiin dargaggootaan hogganamu kuni naannichi filannoo akka gaggeessuuf gaafataa ture. Filannoon gaggeeffames 'seena-qabeessa'' jechuun ibseera.
Haa ta'u malee, filannoo duraafi booda ''hanqinootaafi gufuuwwan' mudatan jedhe ibseera.
Himannaa TPLF irratti dhihaate
Dhaabichi ibsa baaseen miseensonni dhaaba Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) filannoo dura balbala namaarra adeemaa ''mallattoo kan gootan asirra'' jechuun himaa turan jedheera.
Dabalataan, dorgomtotaafi taajjabdootarratti ''doorsisniifi dhiibbaan'' gahaa tures jechuun ibseera.
''Caasaa Aanaafi Gandaa fayyadamuun dorgomtootaafi maatii isaaniirratti doorsisni gaha ture. Uummataan akka diinaa akka ilaalamaniifi akka of sodaatan taasifamaa ture,'' jedheera.
Itti dabaluunis, paartiin naannicha bulchu ''olola maqa balleessii miidiyaafi sanadaan deeggarame nurratti gaggesseera'' jechuun himateera.
Yeroo sagaleen lakkaa'ames taajjabdoota buufata filannoorraa fageessuuf yaaliin taasifameera jechuun ibse.
Himannaan akkanaa filannoo naannichi addatti adeemsiseefi mootummaan federaalaa 'heeraan ala' jedheerratti yoo dhihaatu kuni kan duraati.
Filannoo paartiin TPLF olaantummaan irra aanerratti paartileen mormituu afur hirmaatanis sagalee olaantummaa kan argate dhaaba naannicha bulchaa jiru, TPLF dha.
Himannaa Saalsay Wayyaaneen dhaaba naannicha buchuurratti dhiheesseef dhaaba TPLF irraa deebiin kenname hin jiru.
Sababa koronaavaayirasiin Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa jahaffaa yeroo biraatti dabarsiteetti. Hangasitti aangoon mootummaa akka dheeratu manni maree federeeshinii biyyattii murtesseera.
Haa ta'u malee, naannichi sababa koronaavaayirasiin filannoon yeroo biraatti darbuu hin qabu jechuun addatti filannoo gaggeesse. Kunis, muddama guddaa uumeera.
Qabxii bu'aa filannoo
Shallaggii sagalee argatan kanaan paartileen dorgommiirratti hirmaatan shanan akka gadii kanatti sadarkaan isaanii kennameera:
•1ffaa TPLF 2,590,620 (98.2 %)
•2ffaa Baayitoonaa 20,839 (0.8%)
•3ffaa Wuddib Naatsinnati Tigiraay 18,479 (0.71%)
•4ffaa Saalsaay Wayyaanee Tigiraay 7,136 (0.275%)
•5ffaa Asimbaa 774 (0.01%)














