TPLF filannoo naannoo Tigiraay mo’ate

Filannoo naannoo Tigiraay Fulbaana 9, 2020 gaggeeffame TPLF sagalee ol aanaa argachuun mo'ateera.
Komishinariin Komishinii Filannoo Nannoo Tigiraay Obbo Muluwarq Kidaanemaariyaam addatti BBCtti akka himanitti sagalee kenname keessaa harka baayyee ol aanaa argachuun TPLF mo'ateera jedhan.
Manni maree naannoo Tigiraay tibba darbe namoonni bakka bu'aa isaaniif sagalee kennanii garuu yoo bakka bu'aan isaanii carraa mo'atee mana maree galuu dhabeef jecha seera haaraa 'proportional representation' akka hojiirra oolu dabarsee ture.
Kana jechuun teessuma mana maree keessaa dhibbentaan 20 kan paartileen walii isaanii gidduutti qooddatan ta'a.
Haala kanaan TPLF teessuma mana maree dhibbentaa 80 keessaa harka 98.2 argachuun kan injifate.
Bu'uuruma kanaan teessuma mana maree naannoo Tigiraay bara kana 190tti ol guddate keessaa 152 TPLF kan qabatu yoo ta'u kan hafe teessuma 38 ammoo TPLF dabatalee paartileen mormituu deebiyanii kan adda qoodatan ta'a jedhameera.
Murtee akka filattoonni mana maree keessatti bakka bu'ummaa argatan gochuuf taasifame sanaanis teessuma 38 hafe TPLF deebiyee paartilee mormitootaa waliin qooddachuuf akka hin dorgomne waliigaluuf mariin ni gaggeeffama jedhameera.
Teessuma mana maree kaanaaf ammoo kaadhimamtoota 625 ta'anitu dhiyaatee ture.
Filannichaan paartiin Baayitoonaa, Tigiraay Natsaannat, Saalsaay Wayyaanee akkasumas Asimmbaan duraafi duubaan sagalee argachuun isaanii ibsameera.

Namoonni miliyoona 2.7 filacuuf kan galmaa'anii ture yoo ta'u, kana keessaa namoonni 2, 590, 620 TPLFn filatan.
Shallaggii sagalee argatan kanaan paartileen dorgommiirratti hirmaatan shanan akka gadii kanatti sadarkaan isaanii kennameera:
•1ffaa TPLF 2, 590, 620 (98.2 %)
•2ffaa Baayitoonaa 20, 839 (0.8%)
•3ffaa Wuddib Naatsinnati Tigiraay 18, 479(0,71%)
•4ffaa Saalsaay Wayyaanee Tigiraay 7, 136 (0.275%)
•5ffaa Asimbaa 774 (0.01%)
Namoonni filachuuf galmaa'an waliigalaa miliyoona 2.7 yoo ta'u, namni tokko bakka bu'uuta afuriif sagalee kennuu danda'u.
Naannoo Tigiraay naannicha keessa zooniiwwan filannoo 38 buufataaleen filannoo 2, 672 jiru.
Mootummaan Federaalaa filannoon biyyaalessaa marsa 6ffaan sababa weerara Covid-19 yeroo biraatti akka darbu murteen dabarsee ture adeemsi itti murtaahe sirrii miti jedhamuun paartilee mormituu tokko tokkoon qeeqamaa ture.
Ministirri Muummeen Itoophiyaa Abiy Ahimad ammoo, "Itoophiyaa keessatti filannoon kan gaggeeffamu Boordii Filannoon qofa. Filannoon Tigraay akka mana seeraan ala ijaaramee- 'mana caraqaati'," jedhanii turan.
















