Miidhaa Dubartootaa: Indiyaatti namni maanguddoo ganna 86 gudeede du'aan akka adabamu gaafatame

Indiyaa keessatti yakki gudeeddii akkaan hammaataa ta’e waggaa waggaan ni gabaafama, garuu yakki gudeeddii gariin hedduu kan miira namaa jeeqaniidha.
Magaalaa Delhii keessatti dargageessi umrii waggaa 30 keessa jiru tokko maanguddoo waggaa 86 gudeeduun poolisiidhaan qabamee hidhameera.
Maanguddoon kun manasaanii jala taa’anii osoo nama aannan isaaniif fidu eeggatanii taateen suukanneessaan kun isaan mudate.
Namni maanguddoo kana gudeede jalqaba bakkasaan taa’anitti deemee namni isaan eegan (namni aannan fiduuf) har’a akka hin jirre itti hime.
Maanguddoon ofiifuu dullumaan rakkataa jiran kun nama isaan xooru waan barbaadaniif namni kun na gargaaruuf yaada qaba kan jedhuun nama kana amanan.
Isaan booda bakka mana aannaniittan isin geessa jechuun fuudhee ba’ee ooyruu qonnaa dhiyoo jiru keessaan erga ga’ee qabee achumatti gudeede jedhan Hoogganaan Komishinii Dhimma Dubartootaa Delhii Swati Maliwal.
Maanguddoon dargaggeessa kana kadhatanii ofirraa dhowwuuf yaalan inni garuu gara jabina hamaadhaan miidhaa guddaa irraan geessisa jedhan qondaalli kun.
Jiraattota naannootu sagalee maanguddoo kanaa wayita isaan iyyan dhagahanii baraaran.
Nama yakka kana raawwates qabanii poolisiitti kennan.
Erga maanguddoon kun miidhamanii booda mana deemanii kan daawwatan Aadde Maliwal, wanti argan akka onneesaanii dhukkubse dubbatan.

Madda suuraa, Getty Images
‘’Harkisaanii guutummaatti burkutaa’eera, waan isaan mudate wayita dhageessu si suukanneessa. Qaamni saanii ciccirameera, fuulli isaanii madaaweera. Qaamni hormaataasaanii akka dhiigaa jiru nutti himteetti’’ jedhan.
Aadde Maliwaliin namni kun dhala namaa miti, ajjeefamuu qaba jedhan.
Dargaggeessi kun yeroo ji’a ja’a hin caalle keessatti akka murtee argatuuf xalayaa mana murtiitti barreesseera jedhan.
Akka ragaan Biiroo Yakkoota Raawwataman galmeessu mul’isutti Indiyaa keessatti bara 2018 keesa qofa namoonni 33,977 caalan gudeedamaniiru.
Kun wayita guyyaan shallagamu daqiiqaa 15 keessatti nama tokkotu biyyattii keessatti gudeedama jechuudha.
Namoonni dhimma kana qolachuuf duula eegalanii jiran ammoo lakkoofsi namoota gudeedamanii kanaa ol jira jedhan.
Inumaa kan hin gabaafamnetu caala jedhan. Yakkoonni gudeeddiin hedduun kan miira namaa suukanneessan waan ta’eef osoo hin gabaafamanin akka hafan ibsan.















