Kopha kophaa hidhamuun Obbo Baqqalaa Garbaa fi Jawaar Mohaammad 'sirrii miti' jedhe manni murtii

Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Jawaar Mahaammad ji’a lamaa oliif kopha kophaatti hidhamanii nama biraan akka wal hin agarre taasifamuun sirrii akka hin taane manni murtii hime.

Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddachi ramaddii Araadaa galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti ragaalee abbaa alangaa hafan dhagahuuf Jimaata Hagayya 29 bara 2012tti beellama qabatee ture.

Manni murtichaa iyyata shakkamtootni dhaddacha Hagayya 27 bara 2012 oole irratti dhiyeessan irratti ajaja kenneera.

Obbo Baqqalaa Garbaa isaani fi Obbo Jawaar kophaa hidhamuun mirgi namoomaa isaanii sarbamaa akka jiru dhaddacha darbe irratti komatanii turan.

“Kophaa keenya hidhamnee jirra. Guyyaas galgalas nutti cufamee turra. Namoota walin akka wal hin agarree taasifamaa jira. Mana fincaanii yeroo deemnulle iddoon itti turru ni cufama” jechuun himan.

Abbaan alangaa immoo qabiinsi isaanii fooyyee akka ta’e fi kophaatti hidhamuun waan seerota idil-addunyaarra kaayame ta’uu himuun mormee ture.

Dhaddacha har’aatin manni murtichaa shakkamaa tokko qofaatti hidhuun (Solitary Confinement) haala muraasa keessatti yeroo gabaabaaf kan raawwatamu akkasumas qaama aangoo qabun kan ajajame ta’uu akka qabu himeera.

Kana malees namoota balleessaan isaanii hin mirkanoofne kophaatti adda fooyanii hidhuun mirga bilisa ta’anii ilaallamuu isaanii kan sarbu akkasumas rakkoo qaamaa fi xinsammuu kan fidu akka ta’e manni murtichaa himeera.

Heera biyyattii keewwata 21/1 shakkamtootni bifa kabaja namoomaa isaanii eegeen qabamuu qabu kan jedhu fi waligalteewwan idil addunyaa biyyattiin mallatteesite kan sarbu akka ta’es abbaan seeraa eeraniiru.

Gama biraatin nama tokko kophaatti hidhuuf (solitary confinement) namni sun iddoo itti hidhametti yoo badii naamusaa raawwate fi adabbiin naamusaa irratti fudhatame akka ta’e himuun kanaan walqabatee wanti abbaan alangaa dhiyeesse akka hin jirres abbaan seeraa dubbataniiru.

Dhumarrattis abbaan seeraa “shakkamtootni akka wal argan yaa taasifamu, ifa aduu fi qilleensa akka argatanis yaa taasifamu. Poolisiinis ajaja kana yaa raawwachiisu” jechuun ajaja kennaniiru.

Dhimma fayyaa Shamsaddin Xahaa

Manni murtichaa kanaan dura Shamsaddin Xahaa magaala Finfinnee keessatti dhaabbata fayyaa fedhetti akka yaalamu ajaja kennee kan ture yemmuu ta’u ajajni mana murtichaa akka hin raawwatamne Shamsaddin Xahaa dhaddacha har’aa irratti dubbateera.

“Kaleessa ambulaansiin hospitaala poolisii na geessan. Iddoo biraa na geessaa jennaan namni na dhagahu hin jiru” jechuun hime.

Hogganaan Bulchiinsa Hidhamtootaa Komishinii Poolisii Federaalaa ganama “dhaabbata fayyaa barbaadu akka filatu gaafanneerra. Inni garuu hin filanne. Na dhukkubaa jira yeroo jedhu immoo hospitaala poolisii geessineerra” jedhan.

Haa ta’u malee Shamsaddin Xahaa poolisiin carraa dhaabbata fayyaa barbaadetti wal’aanamuu akka hin kennineef mana murtiif ibse.

Abbaan seeraa gama isaaniitin “ajajni mana murtiin kennamu waraqaarratti akka hafuuf osoo hin taanee akka raawwatamuufi. Aangoo murteessuu kan qabus mana murtii malee isin miti” jechuun poolisiin ajaja mana murtii fudhachuun iddoo Shamsaddin Xahaa barbaadetti akka yaalamu ajaja kennaniiru.

Shamsaddin dhaabbata fayyaa magaala Finfinnee keessatti argamu fi ‘Washington’ jedhamutti yaalamuu akka barbaadu kan hime yemmuu ta’u manni murtichaas poolisiin halduree tokko malee dhaabbata fayyaa jedhame geessun tajaajila yaalaa akka argatu akka taasisu manni murtichaa ajajeera.

Manni murtichaa ragaalee abbaa langaa hafan dhagahuu itti fufeera.