Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jeequmsa Ameerikaatti mudataa jirurratti Tiraamp, Joy Baayiden waliin walitti bu'an
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampiifi Joy Baayiden jeequmsa Poortilaand magaalaa Oregonitti mudatee lubbuu galaafate irratti walitti bu’an.
Tiraamp kantiibaa magaalaa Oregoon kan paartii Dimokiraatotaa keessaa tahe Ted Wiiler, ‘’ajjeechaafi badii magaalicha keessatti mudateef’’ isatu karaa saaqe jechuun komatan.
Kaadhimamaan pirezidaantii Dimokiraatotaa irraa tahan, Joy Baayiden, ‘’maal na dhibdeedhaan jeequmsa kakaste’’ jechuun Tirampitti quba qaban.
Sanbata darbe namni tokko magaalaa Oregoon keessatti rasaasaan rukutamuun lubbuun isaa darbe.
Magaalichuma keessaa bakka biraatti ammo deeggartootni Tiraampi hiriira bahan kanneen ‘with Black Lives Matter’ jechuun mirga gurrachotaaf falmuuf bahan waliin walitti bu’aniiru.
Erga Joorji Filooyid ajjeefameen as Poortilaandi gidduugala falmii farra sanyummaa fi ajjeechaa poolisiin raawwatuu taatee turteetti.
Kantiibaan Oregoon Ted Wiiler namoota ijaa bahannaaf gara magaalichaa dhufuuf yaaddan of qusadhaa jechuun ergaa dabarsaniiru.
Warri ganama kana Tiwiitera irratti gara magaala kanaa ijaa bahannaaf dhufuuf karoorsuu keessan maxxansaa turtan of qusadhaa jedhaniiru.
.Qeeqa Tiraampi irratti dhiyeessaniif ammoo ‘’kan jibbaafi wal qoqqoodinsa uume’’ pirezidaantii Ameerikaati jedhan.
‘Kun Ameerikaa Tiraampi’
Dilbata kaleessaa Tiwiitera isaanii irratti Doonaaldi Tiraampi ‘’Poortilaandi gowwoomsaa kantiibaa kanaan yoomuu hin bayyaannattu,’’kanaaf humnootni federaalaa akka gara magaalichaatti ergaman dhaaman.
Akkasumas Baayiden haalicha ‘’qajeelchuuf fedha hin qabu’’ jechuun qeeqaniiru.
Ibsa isaanii keessatti Baayiden, ‘’Tiraampi waa’ee seeraa fi qajeelfamaa tiwiitera isaanii irratti barreessuun waan cimaa isa fakkeesse itti fakkaachuu danda’a.’’ Garuu deeggartootni isaa akka jeequmsa hin kaasne dhaabsisuu dadhabuun isaa dadhabina isaa agarsiisa, jedhan.
Tiraampi seeraa fi qajeelfama kabachiisuu kan jedhu irra deebiin filatamuuf akka ergaa guddatti itti fayyadamaa jira. Gama biraan Dimokiraatotaa fi kadhimamaa isaanii Baayiden yakka irratti nama ija laafutti fakkeessun.
Barreessan Dhimma Nageenyaa Biyya Keessaa Ameerikaa yeroo darbe ‘’qondaalonni Dimokiraatotaa Poortilaandi seermaleesummaa fi jeequmsi akka jiraatu eeyyamaniiru,’’ jedhanii ‘’haalicha furuuf hunduu harka isaanii keessa jira’’ jedhan.
Dimokiratotni ammoo jeequmsi kan dhalataa jiru pirezidaant Tiraampi jalattidha. Pirezidaantichi dubbii isaatiin akka haalichi hammaatu taasiseera jedhan.
Poolisiin ajjeechaa nama tokko irratti rasaasan raawwate qorachaa jira. Ameerikaan filannoo pirezidaantummaa gaggeessuuf qophiitti jirti.