Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoon siyaasaa Itoophiyaa xiyyeefannoo akka argatu senaataroonni US lama gaafatan
Senaataroonni Ameerikaa lama miseensota hawaasa Oromoo Minisootaa kan ta'an Obbo Jawaar Mohaammad fi Mishaa Cirrii ilaalchisee Ministeera Haajaa Alaa biyyattiitti Roobii Hagayya 26 xalayaa barreessan.
Senaatar Amiiy Kiloobichaarfi Tiinaa Ismiiz ministeerri haajaa alaa Ameerikaa ''Jawaar fi Miishaan mirgi namoomaa isaanii eegamee kan jiru ta'uu mirkaneessuuf tarkaanfii barbaachisaa hunda akka fudhatu'' gaafatan.
Namootni lameen kun 'mirga isaanii guutummaatti itti dhimma bahuu akka danda'an' ministeerichi gargaarsa akka godhu gaafatan.
Dabalataaniis 'hokkoraa fi sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiru' ilaalchisee tarkaanfiin fudhatu maal akka ta'e akka nu beeksisu gaafannaa jedhaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa namoota lamaan maqaan isaanii eerame hokkora kaasuu fi biyyattii walitti bu'iinsa sabaa fi amantiin jeequun shakkee hidhuu hime.
Artiist Hacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 erga ajjeefameen booda hooggantoota dhaaba mormituu dabalatee namootni 9,000 ol hidhamanii jiru.
Aanga'oonni mootummaa namoonni kunneen yakkaan waan shakkamaniif to'annoo jala akka jiran himuun namni sababa miseensa ykn hoggana dhaaba siyaasaa ta'eef qofa hidhame hin jiru jedhu.
Senaataroonni lameen Itoophiyaa keessatti waggoota lamaan darban dimookirasii hunda hammataa ijaaruuf tarkaanfii guddaan fudhatamuus, jeequmsa yeroo dhiyoo as mudatee fi tarkaanfiin mootummaan fudhate jijjiirama dhufeef 'yaaddessaadha' jedhaniiru.
Sababa kanaan Ministeerri Haajaa Alaa rakkoo nageenyaa Itoophiyaatiif furmaataa nagaa qabeessa fiduurratti akka hojjetu gaafannaa jedhaniiru.
Amma duras Hagayya 21 miseensonni Kongireesii Ameerikaa 22 haalli nageenyaa Itoophiyaa nu yaaddesse jechuun Ministira Haajaa Alaa Ameerikaaf barreessanii turan.
Qaamoleen nageenyaa mootummaa mirga namaa sarbaa jiraachuu, walitti bu'iinsi amantaa fi sabaa dhalachuu fi duudhaa dimokraasiirraa maquun biyyattii naannichaa sodaachisaafi tasgabbii dhabaa godheeraa jedhan miseensonni kunneen.
Rakkoo kanaaf xiyyeeffannoon haa kennamu jechuunis Ministira Haajaa Alaa Ameerikaa Maayik Poompewootti xalayaa barreessan.
Ministeerri Haajaa Alaa US mootummaa Itoophiyaa fi qaamolee hiree qaban biroo waliin hokkora dhaabuu fi namoota nagaa balaarraa ittisuuf akkasumas mariin jiratee dhaabbilee dimookirasii gara cimsuutti deemsa eegalame akka deeggaru gaafatan.
Ajjeechaa falmaa mirgaa fi Artistii Haacaaluu Hundeessaa hordofee hidhaan hooggantoota siyaasaa mormituu hidhaa dantaa siyaasaaf raawwatamedha komiin jedhu jiraachuu kan ibsu xalaayaan miseensota kanaa, gochi kun bilisummaa yaada ofii ibsachuu kan boodatti deebisuudha jedheera.
Ji'ootaa muraasaa as ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa duras dhaabbileen mirga namoomaaf falman akka Human Rights Watch, Amnastii Intarnaashinaalii fi kaaniinis sarbamni mirgaa gabaafama turu kan yaadachiisu xalayaan kun, biyyittiin duudhaalee Dimookraasiirraa maqaa jiraachuu isheef aragrsiiftuudha jedheera.
Qabxiillee torba Ministirri Hajaa Alaa biyyattii irratti haa hojjetu jedhanii gaafatan keessaa yeroon filannoo paartilee siyaasaa mormituu waliin mariin akka murtaa'u, sirni haqaa walabaa fi adeemsi seeraa akka kabajamu, sarbamni mirga namoomaa raawwate jedhan walabummaan akka qoratamu, ajjeechaan Haacaaluu Hundeessaa ifaa fi qaama walaba ta'een akka qoratamu kan jedhu keessatti argama.
Hawaasni Oromoo biyyoota alaa jiraataniis marsaa hedduuf hiriirota mormii gaggeessaniin sarbamni mirga namoomaa jira jechuun akka dhaabatu, namootni hidhaman akka hiikaman, ajjeeechaan Art. Haacaaluu qaama walabaan akka qoratamuufi MM Abiy Ahimad aangoo haa gadhiisan kan jedhu dhaagessisaa turan.
Mootummaan Itoophiyaa ajjeefamuu Art. Haacaaluu sababa godhachuun duula biyya gara hokkora hin caamnetti galchuutu ture jechuun namoota yakka kana keessatti shakke adeemsa seeraa eegee olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjechaa akka jiru irra deddeebiin ibseera.