Obbo Baqqalaa Garbaa: 'Duulli miidiyaalee nurraa haa dhaabbatu'

Madda suuraa, Yadi Pictures
Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaatti dhaddachi ramaddii Araadaa galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammad fa'i irratti dhaddacha Wiixata Hagayya 24 oolen ragaa abbaa alangaa tokko dhaggeefateera.
Dhaddacha kaleessaan ragaan abbaa alangaa golgaa/magaarajaa duuba ta'uun jechasaanii kennan.
Oolmaan dhaddachaa kaleessaa iyyata shakkamtootni fi abbaan alangaa beellama darbe irratti dhiyeesan irratti ajaja kennuun eegalame.
Beellama darbeen Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa miidiyaalen heeyyama isaanii malee suuraa isaan kaasaa akka jiran fi manni murtichaa gochaan kun akka hin raawwatamneef ajaja akka kennu gaafatanii turan.
Abbaan seeraa galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar fa'i qabatanis heeyyama shakkamtootaa malee suuraas ta'e suur-sagalee waraabun mirga shakkamtootaa kan dhiibudha jedhan.
Akkasumas mirga bilisa ta'anii ilaallamuu isaanii kan dhiibu waan ta'ef miidiyaaleen oolmaa dhaddachaa gabaasun alatti suur-sagalee shakkamtootaa akka hin waraabne ajajeera.
Iyyatni Obbo Jawaar fa'in dhiyyeefatanii turan inni biraan dhaddacha keessatti hirmaachaa kan jiran poolisoota federaalaati haa ta'u dhaddachi maatiwwan keenyaaf hin heeyyamamne jechuun dubbatan.
Abbaan seeraas poolisootni dhaddacha keessatti argaman eegumsaaf akka ta'e hubachiisun kanaan booda garuu miseensootni maatii shakkamtootaa afur hin caalle dhaddacha keessatti argamuu akka danda'an ajaja kennaniiru.
Dhimmi bilbila qabatanii dhaddacha seenuu dhimma Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddachi ramaddii Araadaa ajaja itti kenne keessaa tokkodha.
Abukaatoowwan shakkamtootaa "nuti bilbila qabannee seenuu dhorkamaa jira. Abbootin alangaa garuu bilbila qabatanii akka seenan taasifamaa jira. Nu lachuuf yaa heeyyamamu yookin immoo nu lachuu yaa dhorkamnu" jechuun gaafatan.
Manni murtichaas abbootin alangaas ta'e abukaatoowwan shakkamtootaa bilbila qabatanii dhaddacha akka hin seenne ajajeera.
Gaazexeessaan OMN Mallasa Dirribsaa beellamawwan kanaan dura turan irratti maatisaa bilbilan akka haasofsiisu akka heeyyamamuf mana murtichaatti irra deddeebin iyyataa ture.
Olmaa gaafa Wiixataan manni murtichaa gaazexeessaa Mallasa Dirribsaa maatisaa bilbilaan akka argatu akka taasifamu ajaja kenneera.
"Duulli miidiyaalee nurraa yaa dhaabbatu"
Yeroo itti qabamanii as herreegni baankii isaanii akkasumas kan maatii isaanii ugguramee akka jiru kan himan Obbo Jawaar Mahaammad poolisiin qorannoosaa waan xumuref uggurri herreega baankii keenyarra kaa'ame yaa kaafamu jechuun gaafatan.
Kana malees, namootni Siiraaj jedhaman kumaatamaan lakka'aman maallaqni isaanii akka hin sochoone dhorkamuu dubbatan.
Godinaalee akka Harargee Lixaa fi Arsii keessatti immoo abbootin qabeenyaa "maallaqa Jawaarin daldaltu jedhamuun qabeenyi isaanii saamamaa jira" jechuun rakkoon namootarra gahaa jira jechuun kun akka dhaabbatu gaafatan dubbatan.
Abbaan alangaa gama isaaniitin iddoo rakkoon Obbo Jawaar jedhan kun yoo itti himame dhimmicha furuuf akka hojjetan dubbatan.
Gama biraatin, herreegni baankii shakkamtootaa fi maatii isaanii mana murtichaan akka hin ugguramen kan dubbatan abbaan seeraa galmee Obbo Jawaar fa'i harkaa qaban shakkamtootni qaama herreega baankii isaanii uggure akka gaafatan dubbatan.
Obbo Baqqala Garbaa gama isaaniitin "adeemsi kun falmii mootummaa fi mormitoota gidduutti taasifamaa jirudha.
Mootummaan mana murtiitti fayyadamuun mormitootni siyaasa keessatti akka hin hirmaanne taasisaa jira" jechuun dubbatan.
Kana malees duulli miidiyaa irratti raawwatamaa jiraachuu kan himan Obbo Baqqalaa Garbaa "duulli gama miidiyaatin nurratti adeemaa jiru nurraa yaa dhaabbatu yookin ammoo akka ofirraa ittisnuuf carraan nuf yaa kennamu" jechuun gaafatan.
Duulli isaan fi maatii isaanii irratti adeemsifamu lubbuu maatii isaaniif yaaddoo akka ta'e kan himan Obbo Baqqalaa Garbaa manni murtichaa miidiyaalen mootummaas ta'e dhuunfaa gochaa kanarraa akka of qusatan ajaja akka kennuf gaafatan.
Maatii isaaniif eegumsi akka taasifamu gaafataniiru.
Manni murtichaas yaada shakkamtootaa fi abbootii alangaa erga dhaggeeffatee booda ragaalee abbaa alangaa hafan dhaggeeffachuf Hagayya 20 bara 2012ti beellama qabateera.
Poolisiin Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqala garbaa dabalatee namoota 12 biroo ajjeechaa Hacaaluu booda hookkara uumuun, reeffa Hacaaluu Finfinneetti deebisuun, ajjeechaa poolisiifi yaalii ajjeechaa qondaaltota mootummaan shakkuun to'atu ibseera.
Yeroo ammaa galmeen qorannoo duraa taasifamaa kan jiru yoo ta'u hanga yoonaa himannaan irratti hin banamne.














