Morkattootni mootummaa Liibiyaa dhukaasa dhaabuu beeksisan

Mootummaan hawaasa addunyaan fudhatama qabuufi Tiriippooliitti argamu (GNA’n) Bitootessa dhufu keessa filannoon akka taasifamuufis waamicha dhiyeesseera.

Waliigalteen kun deeggaraa Generaal Kaliifaa Haftaar garee irra guddeessa Bahaafi Kibba biyyattii to’atuunis fudhatameera.

Biyyi boba’aan badhaateefi godaantota Afriikaarraa Awurooppaa deemaniif buufata daddabarsaa taate kun 2011’tti Mohaammad Gaadaafiin erga ajjeefamanii booda jeeqamaa turte.

Morkattoonni maal jedhani?

Dursaan GNA Faayeez al-Saraaj ‘‘humnoonni waraanaa hundi hatattamaan dhukaasa akka dhaabaniif ajaja dabarsani’’ jechuun fuula Feesbuuk irratti baase garichi.

Generaal Haftaar yaada kennuu baatanis, Paarlaamaa Baha biyyattiitti af-yaa’ii kan ta’an Aguwiilaa saaleeh waliigalticha deeggaruu ibsaniiru.

UN fi deeggaraa Generaal Haftaar kan ta’an pirezidantiin Masrii al_siisiin waliigaltee kana jajaniiru.

Maaltu ta’aa ture?

Qaamoleen lamaan Liibiyaatti walitti bu’an deeggarsa hawaasa addunyaa qabu. Turki, Xaaliyaan fi Kaataar garee Tiriippoolii jiru kan deeggaran yoo ta’u, Raashiyaa, Masriifi UAE’n ammoo Generaal Haftaariin deeggaru.

Anga’oonni Paariis jiran haalanus Faransaayillee Haftaariin akka deeggartu dubbatama.

UN namootaafi meeshaalee waraanaa gara biyyattiitti lolaaf galanirratti qoqqobbii kaa’us bu’aa hagasii hin fidne.

Turki bara 2019’tti GNA waliin waliigaltee waraanaa gochuun Amajjii keessa loltoota biyyattii keessa bobbafte.

Gabaasni Caamsaa keessa UN keessaa miliqee ba’e tokko akka mul’isetti gareen ajjeestotaa Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin hidhata qabu tokko Generaal haftaariin deeggaruun hojjachaa jiraachuu mul’isee ture.

Gareen kun Liibiyaa keessaa ba’aa akka jiru himamus, ragaan qabatamaa dhiyaate hin jiru.

Waliigaltee itti yaadamee taasifamedhaa?

Liibiyaatti Waxabajjii darberraa kaasee lolli jiraachuu baatus, waliigalteen tae jedhamee qindaa’e fakkaatu kun waraanaa jijjiirama fiduu dhabe kana keessatti gulantaa haaraa ta’uuf fakkaata.

Ummata waggoota 10 ta’aniif qaanqee waraanichaatiin gubachaa turaniif abdii haaraa waan fidus fakkaata.

Waliigalteewwan dhukaasa dhaabuu yeroo hedduu taasifamanis nageenya waaraa fiduu hin dandeenye.

Waraanni haaraan yoo ka’e garee lamaanuu gatii akka kaffalchiisuufi biyyatti daran qileetti akka naqu waan hubatan fakkaatu.

Qaamoleen keessatti hirmaatan hunduu karoora biraa qabaachuu akka qaban ofis warra kaanis waan wal-amansiisaan fakkaatu.