Fonqolcha Maalii: Gamtaan Afriikaa Maalii miseensummaa keessaa baase

Gamtaan Afriikaa tarkaanfiin loltoonni fudhatanii fi hojiin isaan amma itti jiran kan fudhatama qabu miti jechuun hojii human waraanaa balaaleffateera.

Gamtaa Afriikaatti Komishinara Komishinii Nageenyaa fi Tasagabbii kan ta’an Smail Chergui gamtichi akkaataa loltoonni itti aangoo qabatan ni balaaleffata jedhan.

‘’Yogguma biyyi rakkoo keessa galtu qaawwa argatan fayyadamanii mootummaa fonqolchanii, isa booda gaaffii uummataa deebisna jechuun waan fudhatama qabu miti’’ jedhan.

Gamtaan kun yeroo ammaa Maalii miseensummaa keessaa yeroof kan baase yoo ta’u, tarkaanfii loltoonni fudhatanii hidhamanii kan jiran Pirezidaantiin biyyattii Ibraahim Buubakar Keyitaa akka gadi dhiifamanis gaafateera.

Pirezidaantichi Kibxata darbe(Hagayya 18,2020) akkuma fonqolchi yaalamuu eegaleen aangoo gadi dhiisuu isaanii TV biyyattiirratti ibsan.

‘’Fonqolchi mootummaa humna waraanaatiin gaggeeffamu yeroo ammaatti waan hojjetu miti, hojiin akkasii dur hafe’’ jedhan Smail Chergui.

Dureewwan biyyoota Dhiha Afriikaa jaarmiyaa Ecowas jala jiran mormitootaa fi mootummaa gidduutti jaarsummaa taa’uun walitti araarsuuf yeroo hedduu akka yaalan himu.

Garuu pirezidaantichi aangoo haa gadi dhiisu kan jedhu irratti walii galuu waan hin dandeenyeef, mormitoonni kanarratti cichanii itti fufan.

Jaarmiyaan biyyoota dhihaa walitti qabee utubee jiru kun tarkaanfii lotootaa mormuun biyyattii miseensummaa keessaa haqeera.

Daangaa itti cufee, madda maallaqaa ishees uggureera.

Dhaabbati Mootummaa Gamtoomaniis tarkaanfii loltootaa mormuu irratti ejjennoo Gamtaa Afriikaa deggereera.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata kanaa, Pirezidaanti Ibraahim Buubakar Keyita hidhattoota jalaa gadi dhiifamanii, heerri mootummaa bakkatti deebi’uu qaba jedheera.

Hooggantoonni waraanaa fonqolcha mootummaa qindeessan kunneen mormitoota waliin dubbataniiru.

Pirezidaantii biyyattii Ibraahim Buubakar Keeyitaas simatanii wayita ittiin dubbatan, jihaadistoota ofirraa qolachuu dadhabuu fi kufaatii diinagdee biyyattii mudateen komataniiru.

Hooggansa Humna Waraanaa ta'uun haarawa kan muudaman Assimi Goita, hojjettoonni mootummaa hojiisaanii idileetti akka deebi'an dhaaman.

Biyyattii kufaatii hamaarraa baraaruuf tarkaanfii kana fudhachuu kan dubbatan loltoonni mootummaa ce’umsaa haala mijeessuun gara filannootti geessu hundeessuuf waadaa galanii jiru.

Biyyoota addunyaa hiyyeeyyii ta’an keessaa tokko kan taate Maaliin yeroo hedduu humni waraanaa ishee aangoo mootummaa qabachuun beekamu.

Biyyattiin yeroo ammaa hiyyummaarratti dabalataan, walitti bu’iinsa sabootaa fi doorsisa jihaadistootaan raafamaa jirti.

Pirezidaant Keyita bara 2018 yeroo lammaffaaf filannoo pirezidaantummaa kan injifatan yoo ta’u, Amajjii darberraa eegalee sababa malaammaltummaatiin mormii uummatarraa isaan mudachaa jira.