Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
''Amallee Miidhamtootarra doorsifni gahaa jira''-Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa Art. Haacaaluu Hundeessaa hordofee rakkoo dhalateefi sarbama mirga manoomaa mudate torbee lamaan darbaniif Oromiyaa keessatti naannolee rakkoon mudatee turetti garee qorannoo gaggeessu isaa ibsa Hagayya 14 baaseen beeksiseera.
Haaluma kanaanis naannolee rakkoon keessatti dhalate 40 ta'anitti garee qorannoo erguun maatii miidhaan irra gahe, dhuga baatotaafi hooggantoota mootummaa dubbisuun ragaa walitti qabuuf yaaluus ibseera.
Komishinichi argannoo qorannoo isaa guutuu duudhaalee mirga namoomaa waliin wali biratti madaalee dhiyeenyatti kan gabaasu ta'uu himuun, dhimmootni attattamatti furmaata argachuu qaban jedhu eereera.
Kanneen keessaa inni jalqabaa ammallee miidhaan nurra gahuu mala jedhanii jiraattota yaadan kan jedhu ilaallata.
Naannolee rakkoon keessatti dhalatee ture amma tasgabbiin fooyyee qabu jiraatus naannolee tokko tokkotti lubbuu namaa, qaamaafi qabeenyarra miidhaan qaqqabuu danda'a yaaddoon jedhu jiraachuu dhaabbatichi hubadheera jedheera.
Namootni naannolee kana keessa jiraataniifi kanaan dura miidhamuu isaanii gabaasan, ammallee gareelee adda addaan doorsifni irra gahaa akka jiru himaniiru jedheera.
Akka fakkeenyaattis magaalaa Dodolaa keessatti A.L.I Adoolessa 9, maqaan namoota 60 ta'anii tarreefamee yoo magaalattii gadhiistanii hin baatan ta'e tarkaanfiin isin irratti fudhatama waraqaan jedhu bittinaa'uu, magaalaa Baatuuttis miidhamtootni ammaas magaalaa kana gadhiisa baha dorsifni jedhu bilbilaafi qaamaan isaan gahaa kan jiru ta'uu eereera.
Dabalataaniis magaala Shaashamannee keessatti namootni hin beekamne manarra naanna'uun qarshii kuma 5-10 hin fiddan taanaan ammas qabeenyi keessan ni gubata, isin ajjeefna dorsifni jedhu isaan qaqqabuu miidhamtootni himaniiru jedheera gabaasichi.
Naannolee akka Buraayuu addatti ammoo naannoo Kattaatti qaamoleen nageenyaa osoo hin hafiin namootni reebichi irraan gahaafi doorsifamaa akka jiran hubadheeraa jedheera Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa.
Naannolee kana keessatti mootummaan Federaalaafi Naannoo Oromiyaa qorannoo gaggeessanii balleesitoota akka adda baasaniifi rakkoo kana akka to'atan yaada dhiyeesseera.
Qaamoleen seera eegsisaniifi nageenya tiksaniis gaafatama isaanii yeroo bahan mirga namoomaa haala kabajeen akka raawwatan gaafateera.
Naannolee yaaddoon nageenyaa isaan mudateen alattis kannen biroo sakkaman adda baasuun eegumsi dabalataa akka taasifamus gaafateera.
Miidhamtoota kana qaamaanis, diinagdeenis, xiinsammuunis deebisanii ijaaruun barabaachisaa waan ta'eef deeggarsa namoomaa kennuuniis dhimma isa lammataa furmaata atattamaa barbaadu ta'uu gabaasichi eereera.
Qabinsa Mirga Namoomaa hidhamtootaa
Komishinichi Oromiyaa keessatti bakka garaagaraatti gareewwan isaaa qorannoof bobbaase keessatti taatee mudate hordofee namootni hedduun to'annoo jala ooluu isaanii hubachuu ibseera.
Manneen hidhaa Oromiyaa keessatti irra deeme daawwate keessatti rakkoolee sarbama mirgaa hidhamtoota mudateera jedheen kanaa gadiif furmaatni atattamaa akka kennamu gaafateera.
● Naannolee hedduu keessatti shakkamtootni kutaaleefi bakka dhiphaatti heddumatanii hidhamuun isaanii Covid-19'f saaxilamummaa jiru bal'isuu,
● Dhiyeessiin nyaataafi wantoota qulqullina ittiin eeggatanii muraasa ta'uu,
● Hidhamtoota muraasarratti reebichii fi sarbamni mirgaa qaqqabuufi kuniis kan hinqoratamne fi gaafatamni kan hin jirre ta'uu,
● Naannolee tokko tokkotti daa'immaniifi gaheessonni walumatti hidhamuu
● Manni Murtii kenneen mirga wabiin gadhiise sababa garaagaraatiin mana hidhaa tursuu
● Hidhamtootni hangi ta'e saffisaan Mana Murtii dhiyaachuu dhabuu
Mootummaan Federaalaafi Naannoo Oromiyaa yakka hidhamtootaa saffisaan qoratee kanneen bilisaafi wabiin gadhiifamuu qaban dafee akka gadhiisuu Dhaabbatachi yaada furmaataa jechuun dhiyeesseera.
Dabalataaniis kanneen Manneen Murtiitti hin dhiyaatiin saffisaan Mana Murtiitti dhiyeessuufi dhiphina manneen hidhaa furuuf bakka tursiisaa biroo barbaaduun barbaachisaadha jedheera.