Koronaavaayiras: Namoonni to'annoo seeraa jala jiran wabiidhaan hiikkamuu danda’u-Komishinii Mirga Namaa Itoophiyaa

Mirgi wabiis mirga namummaa waan ta’eef yeroo labsiin muddamaa hojiirra ooluun kabajamuu qaba, jedha Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.

Kabajni Ebla 25 kabajamu “Guyyaa Afriikatti hidhaa himannaa dura taasifamu ittisuu” sababa godhachuun yeroo dhihootti odeeffannoo koronaavaayiras waliin wal qabatee tarkanfiiwwan fudhatamaniin kan hidhaman ogeettiin seeraa Elsaabeet Kabbadaafi gaazexeessaan Yaayyeesaw Shimallis dabalatee mirga wabii kabachiisuu dhabuufi himanaa dura namoota yeroo dheeraadhaaf hidhaman akka isa yaachisu Komishiiniin Mirga Namummaa Itoophiyaa beeksiseera.

Sadarkaa Afriikaatti yeroo 5ffaaf Ebla 25 yaadatamaa kan jiru, “Hidhaa himannaa dura taasifamu ittisuu (Africa Pre-Trial Detention Day) kan yaadatamuudha.

Himannaan yakkaa dhiyaachuun dura buufata poolisiitti dhiyaachuu, manneen amala sirreessattiifi bakkeewwan tursiisa birootti yeroo dheeraadhaaf namoota rakkatan ilaalchisuun hubannoo fooyyee qabu kennuuf mirgoota namummaarratti kan hundaa’e bulchiinsa seerri haqa yakka akka jiraatuuf kan xiyyeefatedha.

Keessumaayyuu Komishiiniin mirgoota namummaa fi hawaasummaa kan raggaasise akkaataa ittiin qabiinsa hidhaa Luwaandaa, bakkeewwan tursii poolisiifi dambii namoota himannaa dura hidhamanii (Luanda Guidelines on the Conditions of Arrest, Police Custody and Pre-Trial Detention in Africa) akka mul’isutti dambiiwwan idil-addunyaa mirgoota namummaatti himannaa dura hidhaarra turuun haala addaa qofaan kan hayyamamu ta’uunsaa ibsu.

Kanaafuu, Itoophiyaa dabalatee biyyoonni miseensota Chaartarii mirgoota namummaafi hawaasummaa ta’an hundi hidhaa himannaa duraa namoonni hidhaarra akka turan taasisuu irra filannoo biraa hojiirra oolchuun hidhaa seeran alaa dhoorkuun bulchiinsa haqa yakkaa akka fooyyessan akeekkachiisa.

Akka waliigaltee idil-addunyaa Siivilii fi siyaasaa keewwata 9(1)’tti, Chaartarii mirgoota namummaa Afriikaa keewwata 6’tti akkasumas heera Itoophiyaa keewwata17’tti tooftaalee bilisummaan ittiin kabajamu keessaa inni tokko hidhaan hin barbaachisne dhoorkuufi mirga wabii kabajuudha.

Ta’us garuu Itoophiyaa keessatti hidhaan himannaa dura taasifamu heddumaataa dhufunsaatiifi mirgi wabii heeraan kaawwame haala barbaachisuu kabajamuu dhabuunsaa yaachisaadha.

Akka fakkeenyaa koronaavaayiras waliin wal qabatee hidhaaniifi mirgi wabii jalqabarratti kaafne dhimmoota gaaffii kaasaniidha.

Gaazexeessaan Yaayyasaw Shimalis hidhaa guyyoota 27 ture keessatti mana murtiitiin mirgi wabiisaa kabajameefi kan ture ta’us qaama seera raawwachiiftuu haala himannaasaa jijjiiruu fi sababoota bulchiinsaa kaasuun hidhaa akka turu taasisaniiru.

.Gaazexeessaan kun hidhaadhaa akka bahu kan taasifame himannaa yakkaarratti dhiyaate mana murtiitti mirga wabii yeroo 3ffaadhaaf mirakaneeffameef boodadha.

Gaazexeessaan kunis “koronaavaayirasiidhaan wal qabatee mootummaan namota du’aniif bakkeewwan awwalchaa 200,000 ta’u akka qopheessuuf ajaja kenneera” yaada miidiyaalee hawaasummaarratti kenneen irratti hundaa’uun odeeffannoo sobaa kenneera jedhuun shakkameeti kan himannaa irratti baname.

Jalqabumarraa ta’us gaazexeessicha yakka ittiin shakkameen sababni mirga wabiisaa kabachiisuu dhabuun hin mirkanoofne ture.

Ogeettii seeraa kan taate Elsaabeet Kabbadaa haala wal fakkaatuun namoota koronaavaayirasiidhaan shakkaman waliin tuttuqqii qaban maqaasaanii miidiyaa hawaasummaarratti eeruun wal qabatee Guraandhala 26 poolisii bulchiinsa magaala Finfinnee keessatti poolisiidhaan fuudhamtee gara naannoo Hararii geeffamuun magaalaa Harar keessatti hidhaarratti kan argamtu yoo taatu gaaffii mirga wabisheerratti hamma ammaatti murtoo hin kennamne.

Haala wal fakkaatuun yakki Elsaabeet ittiin shakkamte sababni mirga wabiishee kabachiisuu dhabuu hin mirkanofne ture.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa kanaan dura baaseen, tarkaanfiiwwan labsii yeroo muddamaa mootummoonni federaalaafi naannoleen fudhatan bu'uura Heera mootummaafi dirqamootaafi akkaataa mirgoota namoomaa idil-addunyaatiin ta'uu akka qabuufi mana murtii walabaa haqan taajaajiluufi adeemse seeraa akka addaan cituu hin qabne beeksisuun isaa ni yaadtama jedheera.

Komishiniin mirgoota namummaa Itoophiyaa ibsa asiin dura baasee akka akeekkachiiseen mootummoonni Federaalaas ta’ee naannoolee tarkaanfiwwan yeroo labsii muddamaa fudhatan akka heera biyyattiittii fi danbiiwwan mirgoota namummaa idil addunyaa kan bu’uureffate akka ta’anii fi haala seeraatiin mana murtiitti dhiyaachuufi kanneenis kabachiisuuf seera (Judicial and Procedural Remedies) barbaachisan ta’uusaaniitiin addaan kutumu yookiin daangeffamuu akka hin danda’amne ibsuunsaa ni yaadatama.

Sirna seera kabachiisuu keessaa tokko sirna mirga wabii kabachiisuuti.

Akka keewwata heeraa 19(6) irratti haalonni seera raggaasifaman mana murtiitti wabii hamma hin dhorkamnetti namoonni yakka raawwatan jedhaman mirga wabiidhaan hiikkamuu qabu.

Namoonni mirga wabiitiin shakkaman akka yakkamtoota ilaalamuu dhabuu dabalatee haqa argachuun mirga namummaati.

Komishiinarri komishiinii mirgoota namummaa Itoohiyaa kaan ta’an Dr Daani’eel Baqqalaa akka jedhanitti “qaamonni seera dambii mirga wabii kabachiisuu; mirga wabii dhoorkuu kan dandamu yoo haala addaatiin sababa gahaan jiraatee fi dirqama barbaachisaa ta’e qofaadha,” jedhaniiru.

Komishinarri dabalataanis akkas jedhaniiru: “keessumaayyuu yeroo kanatti koronaavaayiras ittisuu fi saaxilamumaa dhukkubbichaa hir’isuuf namooni manneen hidhaa jiran hir’isuuf mootummoonni naannolee fi Federaalaa tarnkaaffiwwan jajjabeessaan fudhatamaa jirutti; sababa gahaa alaafi dirqama osoo hin ta’ini namoota gara hidhaatti galchuun danqaa uumuun mirgoota wabii danquun gonkumaa barbaachisaa miti.”

Keessumaayyuu guyyaa kanatti guyyaa namoonni himannaa dura hidhaman ittisuurratti hundaa’uun qaamonni dhimmi ilaallatu manneen hidhaa adda addaatti himannaa duraa achitti argaman seera qabeessummaa, sababa gahaafi barbaachisummaasaa qorachaa mirga wabii kabachiisuun mirgoonni heera mootummaa, dambiiwwaan idil addunyaa fi sanadoota mirgoota namummaa Afriikaa irra jiran akka kabachiifamanii fi kabajan komishiinar Dr Daanli’eel yaadasaanii ibsu.