Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa: 'Rifarandamiin Sidaamaa karaa nagaa xumurame'
Komishiniin Mirga Namooma Itoophiyaa rifarandamii Sidaamaa irratti ibsa kaleessa baaseen, filannoon kun yeroo gabaabaafi yeroo rakkoon siyaasaa biyyattii keessa jirutti qophaa'uus filannoon Godina Sidaamaa gutummaatti gaggeeffame nagaa qabeessa ture.
Guyyaa filannoo irratti rakkoon guddaa uumame akka hin jirre Komishiniin kun taajjabuu isaa ibsa isaa kanaan gabaseera.
Komiishiniin kun filannoo ummata Sidaama kana akka hordofaniif gartuu hordoffii namoota 20 qabuufi Komishinera olaanaa Dr. Daani'eel Baqqalaan durfaman bobbaasee akka ture ibsa.
Gartuun hordoffii kun guyyaa filannoo sana bulchiinsa magaala 5 fi aanaalee badiyyaa 15 keessatti buufataalee filannoo 100 ol daawwataniiru jedha.
Filannoo kun gaggeefamu duraafi yeroo gaggeeffamaa turetti gartuun kun hordoffii taasisaniiru jedha komishiinin kun.
Filannoo duraafi guyyaa sanatti wantooti turan karaa nagaa kan xumuramam ta'us, gartuun hordoffii kun guyyaa filannoo irratti mudaan xixiqqoo turuu isaani irratti akka gabaasan hima.
Mootummaan naannoo Sidaamaa akka jiraatuuf kan gaafatu gartuun Shaafetaa duula filannoo irratti olaantummaa qabaatee akka ture komishiniin kun ni hima.
Argannoo jalqabaa sassabee jechuun ibsa baase irratti, gartuun Shaafeta hiriira nagaan, walga'iin, daandiwwan irratti, mana manatti adeemuun, duula filannoo isaa iddoo hedduutti maxxansuun, duulaa filannoo guddaa taasisuu isaa ibsa.
Godinni Sidaamaa akka qaama mootummaa naannoo Kibbaatti akka fuftuuf kan gaafatu gartuun Goojjoo garuu, yeroo jalqabaa irratti sagantaa TV fi raadiyoo irratti yeroo xiqqoof ergaa dhageessisuu isaan alatti duula filannoo hin qabu ture jechuun ni danda'ama jedha.
Komishiniin kun akka jedhutti bufataalee filannoo dawwataman tokko tokko irratti dargaggoonni murtaa'an namoota filannoof hiriraarra turan irratti duula filannoo yeroo gaggeessan hubateera.
Ibsa kanaratti "Duulli filannoo gartuu Goojjoo ifaa ifatti kan dhorkame ta'us, namootni komishinii kanaaf yaada kennaan haali siyaasa Sidaamaa keessa ture yaada filanno isa lammataa ifatti ibsachuuf sodaan turera jedhu" jedha.
Dabalataanis buufatlee filannoo tokko tokkotti filattoonii 2000 ol ta'u galmaa'uun isaanii, buufatalee sanaaf adeemsa hojii cimsuu isaa akka hubatan komishiniin kun ni ibsa.
Hanqinni korojoo, waraqaa, qalamaafi meeshalee filannoo biroon buufatalee tokko tokko quunnamanii akka turan ibseera.
Buufataalee filannoo keessa namootni eeyyama hin qabne seenuu, sagalee dhoksaatti lachuuf akka dandeessisutti bakki seeraan golgame jiraachuu dhibuu, akkataa filannoo gaggeessan irratti filatootaaf qajeelfamni ifa ta'ee kennamuu dhabuu, taajaabdoonni filannoo buufataa ala turuu isaaniifi gaggeessitoonni adeemsa filannoo tokko tokko afaan hojii federaalaa Amaariffaa namoota hin dandeenye ta'uun isaani hojiichaa seeraan adeemsisuu dhabuu isaani akka hubate ibsi kun ni eera.
Komiishinichi ibsi kun buufataalee filannoo tokko tokko qofaa irratti dhimmaa mirga namoomaafi dhimmoota ijoo tokko tokko irratti argannoo jalqabaa irratti hundaa'uun kan ba'e ta'uu beeksisuun kun gabaasa hordoffii filanachaa gutummaatti akka hin taane himeera.
Bu'aan filannoo ummata sidaamaa kun guyyaa har'aa ifa ta'a jedhamee eegama.