Haqa:‘Yakka raawwadhee osoo hin taane, namarratti akkan ragaa bahuuf na dararaa jiru'-Guyyoo Waariyoo

Guyyaa kaleessaa hidhamtoonni siyaasaafi gaazexeessitoonni hidhaa jiran mana murtiitti dhiyaataniiru.

Obbo Jawaar Mahaammadfaan gaaffii isaan abbaan seeraa dhimmasaanii harkaa qabu akka irraa ka’uuf gaafatan fudhatama hin arganne.

Manni Murtii gaaffii mirga wabiin gadi dhiifamuu Jawaar Mahaammad gaafaas kuffiseera.

Iskindir Naggaa ammoo dhaddachi nama hundaaf banaa hin ta’u taanaan akka hin dhiyaanne ibseera.

Mirgi wabii eegameefii garuu kan didamaa turte Caaltuu Taakkalaa ammoo wabiidhaan baateetti.

Gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo ammoo Jawaar Mahammad irratti ragaa bahi jedhamee akka dararamaa jiru dubbateera.

Dhaddacha Guyyoo…

Gaaffiifi deebii Aartist Hacaaluu Hundeessaa waliin yeroo taasisetti waan wal-dhabsiisoo ta’an irratti xiyyeefate jedhamuun poolisiidhaan kan qabame gaazexeessaan OMN Guyyoo Waariyoo, guyyaa kaleessaa, Roobii 12,08,202 mana murtiitti dhiyaatee ture.

Abukaatoonsaa Obbo Kadir Bulloo waan Guyyoon dhaddacharratti dubbate akkanaan himan.

‘’Abbaa Alangaa dhimma Obbo Jawaarfaa harkaa qaban ta’anii na fuudhanii ba’an. Jawaar Mahaammad hoogganaa kiyya jedhii ragaa bahi, isa booda bilisa baataa. Yakki dalagde hin jiru. Ati barnoota mishaas qabdaa, naan jedhan jedhe,’’ jechuun waan Guyyoon itti hime dubbatan.

Kana amansiisuufi ammoo abbootii Gadaafi abbeerran isaa itti ramadanii yaalaa turan kan jedhan Obbo Kadir, ’’Guyyoon garuu Jawaar hoogganaa kiyya miti, walquunnamtiin hojii kiyyaa, hooggantoota kiyya Dajanee Guutamaafi Girmaa Guutamaati malee Jawaar waliin hariiroo tokkollee hin qabu jedhee ibsee jira,’’ jedhan.

An kanan miidhamaafi dararamaa jiruuf yakka dalagee osoo hin taane nama biraa yakkamaa taasisi jedhanii waan na dirqaa jiraniif jedhee Guyyoon akka itti hime dubbatan Abukaatoon kun.

Guyyoo Waariyoo dhaddacharratti rakkoo fayyaa akka qabuufi bakka inni hin jirretti maatiinsaa rakkachaa jiraachuu himeera.

Dhaddachi dhimma kana ilaale, Jimaata dhufu gaafa Hagayya 14, 2020 guyyaa dabalataa poolisiin qorannoof gaafate, akkasumas wabiin gadi dhiifamuu Guyyoon gaafaterratti ajaja kennuuf beellama qabachuusaa abukaatoonsaa Obbo Kadir himaniiru.

‘Dhaddachi banaa yoo hin taane hin deemu’’

Manni Murtii Federaalaa Dhaddacha Araadaa Iskindir Naggaa dabalatee shakkamtoota sadi irratti abbaan alangaa ragaa akka dhageessisu ajaja kenneera.

Haata’u malee, Iskindir dabalatee shakkamtoonni biroon dhimmisaanii kan ilaalamu dhaddacha hundaaf banaa ta’erratti yoo ta’uu baate hin dhiyaannu jechuun ajaja mana murtii mormanii abukaatoowwan isaanii gaggeessuu himaniiru.

Waan Iskindir dubbate Abukaatoonsaanii Heenook Akliluu ni dubbatu.

‘’Wanti ittiin shakkamne yakka duguuggaa sanyiin walfakkaata. Kunimmoo dhaddacha cufaan ilaalamuu hin qabu.’’

Namoota ragaa bahaniifi adeemsa kenniinsa ragaa irrattis komiifi shakkii qabu kan jedhan abukaatoon kun, Iskindirfaan, ’’Eenyummaan ragaa baatotaa osoo hin ibsamiin jechi ragaa akka kennamu taasisuun haqa akka hin arganne nu taasisa.

Yoo haqa hin argannu ta’emmoo dhimmicharratti hirmaachuu hin feenu. Mana murtiis hin dhufnu. Hanga yoonaa abukaatota ana bakka bu’anii mana murtiitti dhiyaataa turanis gaggeesseera,’’ jechuun dhaddacha dura dubbachuu Obbo Heenook nutti himaniiru.

Haata’u malee, manni murtii abbaan alangaa ragaasaa akka dhiyeessu, akkasumas poolisiin Iskindirfaa mana murtiitti akka dhiyeessu ajaja dabarseera.

Manni murtii kun gaaffii Jawaar Mahammadfaa, abbaan seeraa dhimmasaanii harkaa qabu akka jijjiiramu gaafatanis kuffiseera.

Manni Murtii Federaalaa sadarkaa jalqabaa dhimmasaanii kaleessa, Roobii 12,2020 ilaaleen iyyanni shakkamtoonni dhiyeessan dhimmoota raawwatamaniiru jedhe ragaa qabatamaan hin deggerre jedheera.

Gaaffii wabiidhaan gadi dhiifamuu Jawaar Mahammad dhiyeesses manni murtii kuffiseera.

Gama kaaniin kanaan dura wabiidhaan akka gadi dhiifamtu manni murtii ajajee garuu mirga wabii kan dhorkamtee turte Aadde Caaltuu Taakkalee kaleessa gadi dhiifamuu Obboleettiinshee Doonaa Taakkalee himteetti.

Kanaan dura Manni Murtii Lidataa wabii birrii 4,000n akka baatu murteessus poolisiin Oromiyaa yakka biraadhaan shakkeera jechuun to’atee dhaddacha Sulultaatti geessee ture.

Manni murtii Sulultaas wabiin duraa akka eegamu jechuun Jimaata darbe murteessuun guyyaa kaleessaa hiikamteetti.