Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haqa: Iyyata 'abbaan seeraa nurraa yaa ka’uu'' Obbo Jawaar fi kaan manni murtii kuffise
Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa iyyata abbaan seeraa nurraa yaa ka’u jechuun Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni 14 guyyaa Wiixataa Hagayya 04/2012 barreeffamaan dhiyyeeffatan kuffise.
Manni murtichaa iyyatni shakkamtootni dhiyeessan dhimmoota raawwatamaniiru jedhe ragaa qabatamaan hin deeggarre jedheera.
Dhimmootni qabiyyeen himataa nutti hin himamne, ragaaleen golgaa/magaarajaa duuba dhaabbatanii jecha kennuu hin qaban fi dhimmi miidiyaaleen walqabatee ka’anis, abbaan seeraa nurraa yaa ka’u jechuuf sababa hin ta’an jechuun abbaan seeraa dubbatan.
Kanaafis, yaada abbaan seeraa galmee qorannoo duraa Obbo Jawaarfaa qabatanii jiran “dhimmicharraa ka’uu hin qabu” jechuun dhiyeessan manni murtichaa fudhachuunsaa himameera.
Gama biraatin dhaddacha qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammad keessatti kan argamu Daawit Abdataa dhaddacha har’aa irratti kan hin argamne yommuu ta’u, sababni isaas COVID-19n waan qabameef akka ta’e poolisiin hubachiisera.
Abbaan seeraa Obbo Dassaaleny Fantaa jedhaman kun dhaddacha irratti yeroo adda addaa mirga dubbachuu shakkamtootaafi kan abukaatoowwan isaanii daangessaa turuu iyyata abukaatoowwan shakkamtootaa mana murtichaaf dhiyeessan keessatti eeramee ture.
Gama kaaniin abbaan alangaa namootni shan golgaa duubaa akka raga bahan wayita gaafatetti wanta kana hayyamuuf haal dureen guutamuun irra jiru kan seera irratti tumame guutamuu osoo hin mirkaneeffatiin hayyameera kan jedhu ture.
Hayyamuu qofa osoo hin taane abbaan seeraa kun, shakkamtoonniifi abukaatonni isaanii yaada mormii qaban akka hin dhageesifanne dhorkuus iyyata 'nuuf yaa ka'uu' kana keessatti eeramuun isaa ni yaadtama.
Kana qofa osoo hin taane, abbaan seeraa kun dhaddacha irratti yeroo gara garaa murtii kennuun dura dhaddacha adda kutanii bahanii qaama hin beekamne waliin mari'atanii akka deebi'an eeruun kun bilisummaa abbaa seerichaa shakkii keessa galcheera jedhanii turan abukaatonnis.
"Abbaan seerichaa bilisaafi haqa qabeessa ta’uu isaanii shakkii keessa kan galchuudha” jedhan Obbo Kadir.
Haaluma kanaan abbaan seeraa fedhii isaaniitin dhaddacha dhimmicha ilaalurraa akka of kaasan yoo hin taane ammoo dhimmichi abbaa seeraa biraatin ilaallamee manni murtii abbaa seeraa kana dhaddacharraa akka kaasu murteen akka kennamu kan jedhutu gaaftamee ture.