Koronaavaayiras: Manneen hidhaa naannoo Oromiyaatti yaaddoon koronaavaayirasii dabalaa dhufe

Nama mana hidhaa keessa jiru

Madda suuraa, MICHELE CATTANI

Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaatiin booda godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti lakkoofsi namoota sababoota adda addaatin too'atamanii dabalaa jira.

Kun ammoo weerara koronaavaayirasii biyyattii keessatti dabalaa dhufe waliin manneen hidhaas bakka dhukkubichi itti mul'achaa dhufe ta'uun yaaddoo uumeera.

Magaala Buraayyuutti hidhamee dhiheenya bahu kan himu wellisaa Marsii Abboomaa, manni hidhaa bakka of eegannoon homtuu itti hin taasifamneefi saaxilamummaa guddaa qabudha jedha.

" Bakka ani itti hidhamee ture waajjira Poolisii magaala Buraayyuutti waa'ee koronaavaayirasii homtuu of eegannoon hin godhamu. Ani gaafan hidhamu homaa qorannoo naaf hin taasifamne. Callisaniituma warra duraan jirutti dabalu. Halkan nama haaraa hanga 15 ta'u fidanii nutti dabalu," jedha.

Kutaan keessatti hidhaman humna nama qabachuu danda'uu olitti waan guutuuf of eegannoo koronaavaayirasii wanti jedhamu tasa kan hin yaadamne ta'uus hima.

"Bakki ciisichaa wal hanqatee yeroo walirra rafnufaatu ture. Waaqni lama nu adabu, takkaa adabamne jenneetuma waaqa kadhachaa turre malee haalli mana hidhaa baayyee saaxilamaadha," jechuun hima.

Dhiheenya mana hidhaatii bahuufi nageenya isaatiif eenyummaa isaa ibsuu kan hin barbaanne namni BBC dubbise kan biraas, mana hidhaa keessatti maaskiifi saanitaayizerii fayyadamaa hin turre jedha.

"Kutaan keessatti hidhaman baayyee dhiphoodha. Namni hidhamummoo heddu. Bakka akkasiitti of eegannoon homtuu hin jiru. Haalli mana hidhaa jiru sodaachisaadha jedha.

Torbee darbe magaala Gidhiiritti namootni 66 mana hidhaa keessatti koronaavaayirasiidhaan qabamuun isaanii ni yaadatama.

Magaalota akka Adaamaafi Botee, akkasumaas iddoowwan biraatti namoota mana hidhaa jiran irratti koronaavaayirasiin mul'achaa jiraachuun yaaddoo guddaa ta'aa dhufeera jedhan Hogganaa Itti-aanaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa.

" Manneen amala sirreessaa bakka namnoonni baayyeen itti argaman waan ta'eef tatamsa'ina dhibee kanaatiif haala mijataa uumaa jira. Amma bakka hedduutti namoonni qabaman mul'achaa jiru. Shawaa Bahaa qofatti namnoonni hanga 15 tahan mana hidhaatti dhukkubichaan qabamaniiru," jedhan.

Taateen amma manneen hidhaa adda addaa keessatti mul'achaa jiru kun rakkoo hammaataa fiduu akka malu waan hubanneef qaama dhimmi ilaalu waliin furmaata itti barbaadaa jirras jedhan Obbo Darajjeen.

"Namni haaraa seenu qoratamee akka seenu, kutaa tokkotti akka hin heedummaanne walirraa faffageessuu, akkasumas namni haaraa seenu yeroodhaaf qofaa akka turan qaama dhimmi ilaalu waliin mari'annee jirra," jedhan.

Koronaavaayirasiin hawaasa keessatti bal'achaa waan dhufeef namni hawaasa keessaa qabamee mana hidhaa seenu carraa dhukkubicha fuudhee seenuu guddaa waan qabuuf haalli hanga ammaa jiru tatamsa'ina dhukkubichaatiif yaaddoo guddaa kan uume ta'uus eeran.

Namoota mana hidhaa keessatti koronaavaayirasiidhaan qabaman eegumsaaf jecha bakka itti yaalaman addatti qopheessuunis qorumsa biraa ta'eera jedhu Obbo Darajjeen.

Ibsa waa'ee viidiyoo, BBC Africa Eye: hojjettoota hospitaala keessaa meeshaalee ofeggannoo gurguran