Koronaavaayiras: Oggeessoonni fayyaa Covid-19f saaxilamaa jiraachuun himame

Madda suuraa, Getty Images
Naannoolee garaa garaatti weerarri Covid-19 hojjattoota fayyaa irratti baballataa jiraachuu itti gaafatamtoonni biiroo fayyaa naannoolee BBCn dubbisee mirkaneessan.
Itti-gaafatamtoonni kunneen akka jedhanitti, oggeessoonni kunneen sababii adda addaatiin kan vaayirasichaaf saaxilaman yoo ta'u, sababoota kanneen keessaas hirrina of eegannoo, dhiyyeessa meeshaalee wallaansa fayyaa jiraachuufi sababii mataasaanitiin gara naanno vaayirasichi keessatti baballatee imaluun ta'uu kaasan.
Fakkeenyaaf, Naannoo Tigraayiitti hanga ammaatti oggeessoonni fayyaafi degartoonni 30 ol ta'an Covid-19n qabamusaanii Qindeessaan Lojistikii Koronaavaayirasii Obbo Xaa'imee Araddoo BBC'tti himaniiru.
Oggeessoonni kunneenis saaxilamummaa lafa hojiisaanitiin qabaniin alattis, tutuqqaa namoota vaayirasichaan qabaman waliin qabaniin, dhaabbilee fayyaa keessatti ammoo dhiyyeessitiin ittisa vaayirasichaa gahan waan hin jiraanneef dhukkubichaaf saaxilamusaanii akka sababaatti kaasu.
Bakka adda baafamanii keessa turan Hospitaala Lamlam Kaarli keessa kan hojjatan Dr Saamsoon Nagaasii haalli tatamsa'ina vaayirasichaa sadarkaa yaaddeessaa irra gahu BBCtti himaniiru.
Alaamaaxaatti teknishaanummaa laaboraatoriitiin hojjetaa kan jiran oggeessoonni torba vaayirasichaan qabamusaanii kan dubbatan Dr Saamsoon, Hospitaala Ayidariitti ammoo oggeessoota fayyaa olaanoo sadii dabalatee oggeessoonni fayyaa hedduun Covid-19n qabamusaanii dubbataniiru.
Kanarra ka'uunis hospitaalichi tajaajilawwan akka balaa tasaa, deessisuufi kan kana fakkaatan malee tajaajila gara biraa kennaa hin jiru jedhan.
Dr Saamsoon dhaabbilee wallaansaa keessatti rakkinni dhiyeessii meeshaalee jiraachuu BBCtti himaniiru.
Rakkina qaban kanas qaamoolee naannooleefi kan federaalaatti beeksisanilleen hanga ammaatti fala argachuu kan hin dandeenye ta'uu dabaluun himaniiru.
Naannoo Amaaraattis qaamoolee hawaasaa hanga ammaatti bal'inaan vaayirasichaan qabaman keessaa hojjattoota humnaa akka argaman kan ibsan naannichatti Insititiyuutii Fayyaa Hawaasa naannichaatti bakka bu'aa Daarektara Buchiinsa Balaa Tasaa fayyaa Hawaasaa Obbo Alee Ayaal.
Sababii hojiisaaniifi haala jireenya isaanitiin akkasumas walitti dhufeenya ballaa qabaniin kan ka'ee hojjattoonni humnaa 259 vaayirasiin qabamunsaanii beekamu Obbo Alee himan.
Akkasumas oggeessoonni fayyaas vaayirasichaan qabamusaaniis BBC'tti himaniiru.
Oggeessoonni fayyaa saaxilamtoota jedhaman naannichatti haala adda ta'een saaxilamaniiru jedhamu baatulleen, amma lakkoofsi isaanii dabalaa jira jedhu. Haaluma kanaanis oggeessoonni fayyaa 23 vaayirasichaan qabamunsaanii ibsameera.

Madda suuraa, Getty Images
Kana duras Bulchiinsa Dire Dhawaatti oggeessoonni fayyaa 21 fi hojjattoonni deeggarsa kannitoota ta'aniif dhaabbilee fayyaa keessa hojjatan Covid-19n qabamusaanii Biiroon Fayyaa Bulchiinsa Magaalattii BBC'tti himunsaa ni yaadatama.
Haaluma walfakkaatunis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii Naannoo Oromiyaattis dabalaa kan jiraachu Biiroon fayyaa naannichaa ibseera.
Hanga ammaattis Naannichatti oggeessoonni fayyaa 34 vaayirasichaan qabamusaanii Itti gaafatamaa itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obboo Daraja Abdataa ibsaniiru.
Oggeessoonni fayyaa vaayirasichaaf saaxilaman kunneenis kanneen hospitaalootaafi buufataalee fayyaa keessa hojjatan ta'u Obbo Darajeen dabaluun himaniiru.
Institiyuutiin Fayyaa Hawaasa Naannoo Siidaamaatti Daarektara kan ta'an Dr Maatee Mangashaa gama isaanitiin hanga ammaatti Naannoo Sidaamaatti hakimoonnifi oggeessoonni fayyaa 13 fi hojjattoonni deegarsa kennan lama Covid-19n qabamusaanii dubbataniiru.
Oggeessoota fayyaa Covid-19n qabaman keessaa bakkeewwan garaa garaa deemuun kan saaxilaman, hirrina ofe eeggannoonaannoo dhaabbata keessa hojjataniifi hirrina meeshaalee wallaansa fayyaa jiraachuun kan wal qabatu akka ta'e ibsaniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















