Dhohiinsa Beeruut: Jiraattonni Beeruut warra dhohiinsaan miidhaman yaadatan

Jiraattonni magaalaa Beeruut namoota sababa dhohiinsa torbee dura mudateen lubbuusaanii dhaban 200 oliif sirna yaadannoo taasisaniiru.

Jiraattonni kunneen iddoo dhohiinsi uumametti walitti qabamuun ture Azaana ykn waamicha salaataaf godhamu akkasumas bilbila Bataskaanaa dhawamuun dabaalamanii callisaan miidhamtoota kan yaadatan.

Kuni galgala naannoo sa'aatii 12'tti kan raawwate yoo ta'u, sa’aatiima wal fakkaataa sanitti ture kan amooniyeem naayitireetiin toonii 2,750 man-kuusaa buufataatti dhohee lubbuu galaafate.

Keemikaalli kun of eeggannoo gahaa malee achitti kuufamee turuun jiraattota Beeruut dheekkamsiise.

Mootummaan Libaanan aangoo gadi dhiisuullee sun jiraattota tasgabbeessuu hin dandeenye. Namoonni dheekkamanii hiriira bahan magaalaa Beeruut keessatti halkan sadiif walitti aansuun poolisootaan walitti bu'an.

Biyyattiin osoo dhohiinsi kun hin mudatiin durayyuu diinagdeen isheen sababa weerara koronaavaayirasiitiin miidhamee, namni hedduun hiyyumaa fi beelaaf saaxilamee ture.

Ji’a Onkololeessaarraa jalqabee mormitoonni sirna siyaasaa biyyattii kan rakkoo malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii qaba jedhan irratti mormiisaanii dhageessisaa turaniiru.

Piroofeesara yuunivarsiitii kan turan MM Hasan Diyaab kan sochii Hezboollaah Iraaniin akkasumas namoota mootummaan duraanii aangoo akka gad dhiisu barbaadaniin deeggaramuun Amajjii darbe aangootti dhufan, Wiixata kaabineen isaanii fedhiisaatiin aangoo akka gad dhiisu ibsaniiru.

Isaanis dhohiinsa mudateef itti gaafatamummaa fudhachuu diduun namoota siyaasaa kaanitti quba qabaniiru.

“Malaammaltummaasaaniitiin kan taateen hamaan kun mudatu godhe,” jedhan. "Nuyi fi jijjiirama fiduu feenu jidduu dallaa jabaa tooftaan badaan eegamutu jirra" jedhan.

Gabaasaan BBC Beeruut jiru Toom Baateman akka jedhutti aangoo gadi dhiisuun kaabinee mootummaa rakkina biyyattii yoo hammeesse male hin furu jedha.

Dhaabbanni Nyaata Addunyaa (WFP) “dhiheessii biyyaalessaa tasgabeessuu fi hanqinni nyaataa akka hin jiraaneef” qamadii toonii 50,000 gara Beeruut akka ergu ibseera.

Qamadiin toonii 17,500 torbee laman dhufan keessatti Beeruut akka gahus himameera.

Hogganaan ejensichaa Deeviid Baasleey sababa buufatni Beeruut dhiheensii midhaan biyyattii %85 of keessatti qabatee ture dhoheef torbee lamaa fi walakkaa keessatti Libaanan hanqinni daabboo ishee mudatuu danda’a jechuun yaaddoosaanii ibsaniiru.

Obbo Deevid buufatichi tajaajila yeroo kennuuf torbee lama yookiin sadi keessatti akka banamu ni amana jedhaniiru.

Dhohinsi kunis dhaabbilee fayyaa 15, hospitaalota gurguddoo sadi dabalatee miidhaa gartokkee yookiin hamaan isaan mudateera.

UN dhaabbileen hafan dhukkubsattoota 6,000’tti tilmaamamaniif gargarsaa kennuu adda danda’anii fi weerara koronaavaayiras to’achuu keessatti hojiileen akka hojjatamaniif gargaarsa dabalataa waameera.

Guyyaa Dilbataa Libaanan keessatti namoonni haaraa 294 Covid-19 qabamaniiru, kunis biyyattiif riikardii ta’ee galmaa’eera.

“Balaan tasaa mudate namoonni tarkaanfiiwwan ittisa Covid-19 akka hin eegne godheera, kunis akka lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabaluuf sababa ta’eera,” jedhe UN.