Amooniyem Naayitreetiin eessafaatti kuufamee jira?

Erga keemikaalli Amooniyem Naayitreet jedhamu Lebaanos magaalaa Beerut keessatti dhohee miidhaa hamaa qaqqabsiisee as addunyaarratti haalli qabiinsa keemikaala kanaa maal fakkaata, akkasumas keemikaalli kun eessafaatti kuufamee jira kan jedhu gaaffii namoota hedduu ta’eera.

Keemikaalli kun irra jireessaan xaa’oof kan oolu yoo ta’ellee yeroo hedduu garuu iddoowwan misooma albuudaa fi ijaarsota adda addaatti dhohiinsa uumuufis ni tajaajila.

Haata’u malee, eessatti akka kuufamuu qabuufi yeroo hagamiif kuufamee turuu akka qabu irratti xiyyeeffannaan hordofamuu qaba.

Keemikaalli kun boombii hojjechuufillee waan fayyaduuf , yeroo baay’ee bakki kuufamasaa iccitiidhaan qabama malee hin himamu.

Biyyoonni keemikaala kana kuufatanii qaban eenyufaadha?

Indiyaa

Indiyaa keessatti keemikaalli amooniyem naayitreet toonii 740 waggoota sahniif kuufamee tureera.

Iddoon keemikaalli kun itti kuufamee argamu magaalaa Chaanai irraa fageenya kiiloomeetira 20 irratti yoo ta’u, mana jireenyaa namootaarraa garuu meetira 700 qofa fagaateeti.

Aanga’oonni mootummaa Indiyaa kubbaaniyyaa keemikaala kana Kooriyaa Kibbaa irraa bara 2015 gara biyyasaaniitti fe’e himachaa tura.

Kubbaaniyyaan kun keemikaalli kun misooma qonnaaf kan ooluudha jedha.

Dooniin keemikaala kana feetee turte waraqaa qulqullinaa gumuruuka irraa fudhachuu didee ture.

Booda wayita qorannoon gaggeeffamu, kubbaaniyyaan kun iyyama seeraan alaa akka qabuu fi namoota dhuunfaa eenyummaansaanii hin beekamnetti gurguraa turetu irra ga’ame.

Iddoon kuusaa keemikala kanaa erga bara 2015 lolaadhaan miidhameen booda hangi tokko gatamee ture.

Kan hafe, tooniin 697, yeroo ammaa haraajiidhaan gurguramee, gara bulchiinsa ollaa kan taate Teangana geeffamee jira.

Yaman

Yaman gama kibbaa, handaara galaana Aden, konteenaroonni 100 caalan amooniyem naayitreetii fe’anii gama kibba galaana Aden buufatanii jiru gabaasa jedhu erga dhagahanii booda Abbaan Alangaa biyyattii qorannoon akka gaggeeffamu gaafataniiru.

Keemikaalli kun waggaa sadi dura gara Yaman akka fe’amee fi humnoota Sa’uudii Arabiyaadhaan deggeraman kan UN cinaa dhaabbataniin ugguramee akka ture himan.

Bulchaan bulchiinsa Aden Taariq Salaam, keemikaalli kuufamee jiru toonii 4,900 akka ta’uu fi konteenaroota 130 keessatti fe’amee jiraachuu himan.

Namoonni keemikaala kana kuusanii jiran balaa uumamuuf itti gaafatamus jedhan.

Dhaabbata mootummaa Yaman kan ta’e Buufati Doonii Galoo Galaana Aden garuu konteenaroota kunneen keessa xaa’oo Yuuriyaa kan misooma qonnaaf oolutu jira jedheera.

Iraaq

Mootummaan Iraaq shakkiidhaan qorannoo erga taasisee booda amooniyem naayitreetiin buufata xiyyaaraa Idila Addunyaa Baagdaad keessatti kuufamee jiraacchuu adda baaseera.

Keemikaalli kun buufata xiyyaarichaa kutaa kaargootii kaafamee gara itti kuufamutti gaafameera jedhan qondaalli waraanaa biyyattii.

Awustiraaliyaa fi UK

Awustraaliyaa fi UK keessattis qorannoon eegalameera.

Lammiileen biyyoota kunneenii dhohiinsa Beeruut booda yaaddoo qaban irraa kan ka’e, iddoo amooniyem naayitreetiin itti kuufamee jiru baruu barbaadu.

Awustiraaliyaa keessatti keemikaalli kun giddu gala magaalaarraa kiilomeetira sadi fagaatee kan argamu akka kaafamu yookiin hir’ifamu gaafatameera.

Awustiraan keemikaala kana iddoowwan 170tti kuufattee qabdi.

Buufataaleen galaanaa UK’s qorannoo gaggeessanii keemikaala kanaaf eeggannoo barbaachisaa akka taasisaniif gaafatamaniiru.