Ameerikaa: Tiraamp rifeensa miiccachuu rakkannaan Ameerikaan seera jijjiiruuf

Tiraamp bara 2018, rifeensa isaanii qilleensi wayita raasu

Madda suuraa, Reuters

Mootummaan Ameerikaa seera wayita dhaqna dhiqatan hamma bishaanii ujummoo keessaa mataarraan gadi yaa'u daangessu jijjiiruufi.

Kunis sababa pireezidantiin biyyattii wayita rifeensa miiccatan rakkoon isaan mudachuu komataniifi.

Seera bara 1992 baheen Ameerikaa keessatti ujummoon shaaworii daqiiqaa tokkotti bishaan liitira 9.5 ol gadi naquun dhorkaadha.

Kanaaf jecha ujummoowwan bishaanii wayita namaaf diriirfaman hamma jedhame kanaa ol akka hin dhangalaafnetti tolfamu.

Bulchiinsi Tiraamp ammoo sana jijjiiruu barbaada. Gareeleen eegumsa naannoo garuu kuni bishaan qisaasuudha, barbaachisaas miti jedhanii falmu.

Seerri kun akka jijjiiramu yaada kan dhiyeesse Damee Anniisaa biyyattii yoo ta'u komii Tiraamp ji'a darbe dhiyeessan hordofuuni.

"Mataa ujummoo shaworii yoo fudhatte - dhaqna dhiqachuuf jettee bishaan gadi siif hin bu'u. Harka dhiqachuuf yoo jette bishaan gadi siif hin bahu. Kana Maal goota? Achuma dhaabachaa oolta. Kan keessan hin beeku, ani rifeensi kiyya mudaa qabaachuu waan hin qabneef nan rakkadha," jedhan Tiraamp.

Garee kunuunsa anniisaa 'Appliance Standards' jedhamuuf kan hojjetu Andiriiwu deLaski yaada seera kana jijjiiruu dhiyaate 'gatii hin qabu' jedheera.

Seera jijjiiruu caalaa fiixee ujummoo hamma bishaanii to'atu afur, shan gochuun bishaan hamma barbaachisu argachuun ni danda'ama jechuun AP'tti hime.

"Pireezidantichi dhuguma rakkataniiru yoo ta'e, marsariitii ujummoo mataa shaaworii kan bishaan akka gaariitti gadi naqu gurguran itti himuu dandeenya" jedhe.

Seerichi bishaan fi maallaqa qusachaa namni akka gaariitti bishaanitti akka fayyadamu kan taasisudha jedhu warri yaada Tiraamp morman.

Yaadni seericha jijjiiruuf dhiyaate mana murtiitti mormiin jabaan isa mudachuu danda'a.