Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaa: Sababa dhukaasi Waayit Hawusitti dhalateef Tiraamp ibsa kennaa turan adda kutan
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp sababa dhukaasaa naannoo Waayit Hawusitti uumameef ibsa gaazexeessitootaaf kennaa turan addaan kutaanii bahan.
Osoo Tiraamp ibsa kennaa jiruu battaluma dhukaasni dhaga'ametti eegdota isaa keessaa tokko waltajiitti ol bahee erga gurratti hasaasee booda isa fuudhe bahe.
Pireezidaant Tiraampis, “Oh.., maaltu mudate?” jechuun gaafachaa yeroo bahan ni dhaga'ama ture.
Erga bahanii turanii daqiiqaa sagal booda deebi’uun eegdonni Tajaajila Iccitii US (USSS) shakkamaarratti dhukaasaniitin jechuun dubbatan Tiraamp.
Dhukaasicha booda namni tokko gara hospitaalaa geeffameeras jedhan Pireezidaant Tiraamp.
“Waayit Haawus alatti dhukaasatu ture. Dhukaasichis to’annaa jala oolfameera.”
“Dhukaasa dhugaatu ture, namni tokkos gara hospitaalaa geeffameera. Haala namni sun keessa jiru hin beeku,” jedhan Doonaald Tiraamp.
Doonaald Tiraamp namni sun isaanirratti miidhaa geessisuu karoora qabaachuusaa hin beeku jechuun gaazexeessitootatti himaniiru.
“Ana waliin waan wal qabatu ta’uu dhabuu danda’a,” jedhan.
Mudannoo akkasii kun kan ta'ee hin beekne ta'uu isaa himuun haala sana to'achuudhaaf hojii ogummaa USSS hojjetan dinqisiifataniiru Tiraamp.
Gaazexeessaan tokko pireezidaantichi taatee mudateen sodaatanii akka turan gaafateen.
“Sodaadheen turee?” jechuun deebisaniif.
Dabalataanis pireezidaantichi akkas jedhan: “Addunyaan kun bakka nagaa qabdu miti, bakka baay’ee sodaachistuudha, hanaa ta’eef itti fufas.”
Tiraamp yeroo taatee kanaa gara kutaa Ovaal Ofiisitti akka geeffamanis gaazexeessitootatti himeera.
Waajjirri ibidaa Kutaa Kolombiyaa namichi miidhaan cimaan irra gahuu hin oolu jedheera jechuun Asooshiyeet Pirees gabaaseera.
Qondaaltonni namichi dhibee fayyaa sammuu qabaachuufi qabaachuu dhabuusaa adda baafataa akka jiran gabaafameera.