Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojii-gaggeessaa Apple waggaatti dolaarri mil. 125 kanfalameef
Hoji-gaggeessaa olaalaan kaampaanii Apple kan ta'an Tiim Kuuk gatiin aksiyoona kubaaniyaasaanii dabalaa dhufuusaatiin tarree biiliyeenarootaa keessa galaniiru.
Foyya'insawwan omishaaleerratti taasifamaniifi bu'aa cimaa argameen walqabtee gatiin gabaa Apple ol ka'eera.
Abbaa qabeenyaa aksiyoonii kubaaniyoota 847,969 kan ta'e Mr Kuuk bara darbe qofaa dolaara miliyoona 125 haala mindaatiin manatti galataniiru.
Torban darbees abbaan qabeenyaafi hundeessaan Feesbuuk Maark Zukarbargi qabeenyaan dhunfaa isaa dolaara biiliyoona 100 gahuun ibsamee ture.
Kubaaniyaawwan teknolojii kanneen akka Apple fa'is tibba koronovaayirasii wal qabatee namoonni hedduun onlaayiniin tajaajilamuu eegalaniitti gahee olaanaa bahaa jiru.
Sababii uggura Covid-19n namoonni hedduun mana waan oolaniif karaa interneetiin waa hedduu bitachuufi barbaaduu baayyisaniiru.
Dhaabbilee akka Feesbuuk, Apple, Amaazoniifi Maayikrosoft fa'is kubaaniyoota tekinolojii tibba weerara koronaatti bu'aa baayyee argataniidha.
Dhaabbanni Apple mobaayilii harkaa, keessattuu Ameerikaatti baayyee barbaadaman kan omishu yoo ta'u, kubaaniyaa gatii qabeenya doolaara tiriliyoona lama baasuu kan jalqabaa ta'eera.
Waggaa lamaan duras akkasuma kubaaniyaa gatii dolaaraa tiriliyoona tokko qabu addunyaa kanaarraa kan jalqabaa ta'ee ture.
Mr Tiim Kuuk hoji-gaggeessaa kubaaniyichaa ta'uun kan mudaman waggoota sagaliin dura wayita hundeessaa Apple Istivan Joobsi du'anitti ture.
Qabeenya nama kanaa biiliyoona kan qaqabee galii aksiyoona irraa argatuufi mindaa dhaabbati kanfaluuf irraayi.
Bara 2015tti irra jireessa maallaqa isaanii dhaabbilee gargaarsaatiif akka kennan waadaa galanii kan turan Tiim, jechasaanii eegunis dolaara miiliyoona hedduu deeggarsaan arjomaniiru.
Haaluma walfakkaatunis abbaan qabeenyaa Feesbuuk Zaakarbargis dolaara miliyoonaan lakkaa'amu dhaabbilee gargaarsaaf nan kennan jechuun waadaa galanii ture.
Abbootiin qabeenyaa kan akka Feesbuuk, kan Amaazoon, Tesilaafaa qabeenyaan isaanii akkasiin guddachuu sababiin itti danda'eef, waan gahee aksiyoona olaanaa kubaaniyicha keessaa qabaniif jedhameera.
Apple omisha haaraa beeksiisuu baatulleen hanga ammaattuu mobaayiliin isaa gabaarratti dorgomaa cimaa ta'uun argama.