Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gatiin warqee yeroo jalqabaaf doolaara 2000 ol tahe
Weerara Covid-19n walqabatee yeroo jalqabaatiif warqee safartuu 'ounce' tokkoo doolaara 2000 olitti gurguramuun dhagahame.
Sababii Covid-19n invastaroonni maallaqa isaanii sibiilota gatii jabeessaan geeddaraa jiru, kanaanis qarshiin dabalataa diinagdee addunyaatti dabalamaa jira.
Gatiin guddaa warqee kunis muddama Ameerikaa fi Chaayinaa gidduu jiruun kan galmaa’edha jedhameera.
Gatiin sibiilota gati-jabeessa kan ta'an kanneen akka meetii jalqaba waggaa kanaa as gara malee dabaleera.
Bara kana gatiin warqee harka 30 dabalee jira. Namoonni koronaavaayirasiin qabaman dabaluun diinagdeen Ameerikaa dafee akka hin bayyananne miidhe, gatiin meetii harka sadiii akka dabalus taasiseera.
Gatiin akkantti akka dabalu kan taasise invastaroonni mootummaan weerara Covid19 wal qabatee dhaabotaaf deeggarsa gochuun qala’insi yoo uumameef of qopheessuu isaaniiti.
Waashingitanitti bulchiinsi Tiraamp diinagdee tasgabbeessuuf halkaniif guyyaa akka hojjetu himeera.
Akka Baankiin Ameerikaa jedhutti mootummoonni naannoo addunyaa jiran dhiibbaa diinagdee weerara Covid19n dhufu hambisuuf doolaara tiriiliyoona 20 deeggarsaaf ramadaniiru jedhe.
Xiinxaltuun hojimaata gabaa Maargaareet Yaang torbeefi ji’oota dhufan keessallee gatiin warqee dabaluu danda’a jetti.
Piitar Maakgaayira XM.com irraa immoo jalqaba bara dhuftu keessa waqeen hanga 2,200tti gurguramuu danda’a, meetiifi pilaatiiniyamiin illee akkanuma dabalu jedheera.