Beenishaangul Gumuz, Gubaa keessatti namoonni ugguraman

Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti Sanbata darbe namoota sadi qaamota hidhataniin ukkaamfamanii akka fudhataman qondaalli naannochaa BBC'tti himan.

Biiroo Nageenyaa Naannoo Beenishaangul Gumuziitti Itti Aanaa Hoogganaa kan ta'an Obbo Abdul-aziz Mahammad, hidhattoonni kunneen jiraattota naannoo Gubaa kan ukkaamsan yoo ta'u, hanga yoonaa achi buuteen isaanii hin baramane jedhaniiru.

Kanneen ugguraman gosoota Gumuz ta'uu kan dubbatan Obbo Abdul-aziiz, akka barbaadamaniif maatiin iyyata galfachuu eeran.

Maatiin namoota kanneenis hidhattoonni namoota ukkaamsaniin odeeffannoo mootummaadhaaf kennaa turtan akkasumas ammoo maatiin keessan qaamolee mootummaa waliin hojjetu jechuun akka itti dhaadatan ibsusaanii himu qondaalli kun.

Namoonni ukkaamfaman haala akkamii keessa akka jiran kan hin beekne ta'uu kan ibsan Obbo Abdul-aziiz, hidhattoota kunneen to'achuun namoota ugguraman gadi lakkisiisuuf jecha Raayyaan Ittisa Biyyaa kallattii sanarra jiran xiyyeeffannaa hojiitti jiru jedhan.

Erga taateen kun raawwatee booda Raayyaan Ittisa Biyyaafi Humnoonni Addaa sakatta'iinsa taasisaniin hidhattoota kunneen keessaa hedduu ajjeesuu fi hidhattoonni kunniinis mufachuudhaan badii raawwachaa jiraachuu dubbatu qondaalli nageenyaa kun.

Torban darbes naannoo Gubaatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni 13 du'anii hedduun madaa'uu Obbo Abdul-aziiz yaadachiisaniiru.

Tarkaanfii fudhatameenis hidhattoota miidhaa qaqqabsiisan keessaa 13 ajjeefamuu fi 30 kan ta'an ammoo to'atamuu dubbatan.

Qaamota hidhatanii haleellaa raawwataniin kanneen ajjeefamanii fi ukkaamfamaa jiran namoota nagaadha kan jedhan Obbo Abdul-aziiz, qaamoleen kunneen naannicha keessa nagaan akka hin jiraanne barbaadu jedhan.

Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ashaadillee Hasan karaa miidiyaa biyya keessaa akka dubbatanitti, qaamoleen nageenya naannichaa booressuu fedhan kanneen deggersa hin qabnee fi daangaa Sudaan irratti leenjii fudhachaa kan turanii jedhaniin turan.

Erga qaamoleen hidhatan kunneen haleellaa eegalanii hojii nageenyaa hojjetameen hanga ammaatti hidhattoonni 70 caalan seera jala oolaniirus jedhan.

Kanneen keessaa 30 kan caalan badii raawwate keessatti kallattiin kanneen hirmaataniidha jedhan.

Namoonni BBCn dubbisee fi maqaansaanii akka eeramu hin feene akka jedhanitti, haleellaa ALI Adoolessa 20 raawwate booda namoonni hedduun hidhamaniiru.

Taatee sana booda qaamoleen mootummaa federaalaa fi naannoo hawaasa waliin mari'ataniiru.

Namoonni haleellaa raawwatanii fi keessatti hirmaatan jedhamanis eeruu uummataan to'atamaa jiru.

Kanneen qabeenyasaanii dhiisanii baqatan deebi'aa jiraachuu fi naannoonsaanii gara nagaatti deebi'aa jiraachuus dubbataniiru.