Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fayyaa: Sa’aatii teleevizhinii ilaallu hir'isuun carraa du’aa ni hir’isa jedhe qorannoon
Guyyaa keessatti sa’aatii Tv daawwannu gara sa’aatii lamatti gad buusuun miidhaa fayyaarra gahu ni hir’isa jedhe qorannoon haaraa hojjatame.
Sa’aatii dheeraa iskiriinii akka Tv, kompitara fi bilbilaarra turuun carraa kaansaarii fi dhukkuba onneef nama saaxila jedha qorannoon kun.
Kanaafis, sa’aatii iskiriinii irratti dabarsinu gara sa’aatii lamatti yookiin achii gaditti gad buusuun carraa dhukkubaaf saaxilamnu ni hir’isa jedheera qorannichi.
Yuunivarsiitiin Galaasgow namoota 500,000 kan umuriinsaanii ganna 37-73 giddutti argaman irratti bara 2016-18 qorannoo taasiseera.
Argannoon qorannoo kanaanis namoonni gameeyyii sa’aatii iskiriiniirratti dabarsan hir’isuu qabu jedha.
Osoo namoonni qorannoo kanarratti hirmaatan sa’aatii Tv ilaalan gara sa’aatii lamatti hir’isanii carraa du’uusaanii %5.62 akkasumas carraan sababa dhukkuba onneetiin du’anii %7.97’n gad bu’a jedha.
Qorannoo irratti Tv qofa miti kan xiyyeeffatame, bilbila irratti viidiyoo ilaaluunillee xiyyeeffannaa argateera.
Dr Haamish Foostar nama qorannoo kana dura aantummaan gaggeessan yoo ta’an Tv sa’aatii dheeraaf ilaaluun fayyaa keenyarratti miidhaa akka qabu himaniiru.
“Qorannoon keenya sa’aatii tv ilaallu hir’isuun miidhaa fayyaa keenyarratti dhufu ni hambisa yookiin ni hir’isa,” jedhan Dr Haamis.
“Sababoota beekuu fi gorsa kennuuf qorannoon dabalataa taasifamuu qaba.”
Qorattoonni sa’aatii namoonni Tv itti ilaalan sochiilee fayya qabeessoo kanneen akka sochii qaamaatiin bakka buusuuf hojjataa jiru.
Isaaniis namoonni sa’aatii dheeraa iskiriiniirratti dabarsuu dhiisanii osoo sochii qaamaa taasisanii fayyasaaniifillee gaariidha jedhu.
Namoonni sa’aatii gabaabaa iskiriiniirratti dabarsanii fi sa’aatii dheeraa sochii qaamaa taasisan jireenya fayyaa qabeessa jiraatu jedhaniiru.