Siyaasa Itoophiyaa: Naannoon Tigiraay miseensota Komishinii Filannoof eerumsa walitti qabataa jira

Naannoon Tigiraay miseensota Komishinii Filannoo filachuudhaaf eerumsa uummataa Sanbatarraa kaasee sassaabbataa akka jiru Walitti-qabaan Koree Hundeessituu Komishinii Filannoo Obbo Asaffaa Gabrasillaasee BBCtti himan.

Naannoo Tigiraayitti filannoon marsaa 6ffaa naannoofi sadarkaa gadii jiranii akka gaggeeffamuuf Komishinii raawwachiisu hundeessuu manni maree naannichaa murteesseera.

Haaluma kanaan, ummanni miseensota Komishinichaa kan ta'an akka eeruuf waamichi dhiyaateera.

Uummata irraa eeruu sassaabuun kan eegalame Sanbata darbe yoo ta'u, kan xumuramu A L I Adoolessa 07 ta'uu walitti-qabaan koree kun dubbataniiru.

Sababa weerara koronaavaayirasiirraa kan ka'een filannoon biyyaalessaa erga yeroo hin beekamnetti dabarfameen booda naannoon Tigiraay filannoo naannoo isaa gaggeessuudhaaf murteeffachuun isaa ni yaadatama.

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa naannichaarraa gaaffiin dhiyaatuufillee keessummeessuu akka hin dandeenye ibsee ture.

Isaan booda naannichi filannoo ofii isaa gaggeefachuudhaaf kan isa dandeessisu labsiiwwan seera fialannon ittiin gaggeefamu, akkasumas komishinicha ittiin hudeeffatan raggaasiseera.

Walitti-qabaan Koree Hundeessituu Komishinii Filannoo Obbo Asaffaa Gabrasillaasee hanga ammaatti biyya keessaafi biyya alaatii namoonni 300 ol ta'an eermaniiru.

Akkuma eeruun kun Kibxata xumurameen gaafa Roobii namoonni maqaan isaanii eerame kun Pirezedaantii Itti-aanaaf kennamanii dhaabbileen siyaasaa waliin kan irratti mariyatamu ta'a jedhyan Obbo Asaffaan.

Erga paartileen siyaasaa irratti mariyataniin booda namoonni 10 filatamuun mana maree naannootiif dhiyaachuun Komishinariifi Komishinarri Itti-aanaa Komishinichaa filatamanii akka raggaasifaman taasifama jedhaniiru.

TPLF kanaan dura hooggantoota paartileen siyaasaa kan akka Saalsaay Wayyaanee, Baayitoonaafi Walabummaa Tigiraay waliin seera filannoo irratti mariyatanii turan.

Hanga ammaatti paartileen siyaasaa naannoo Tigiraay keessa socho'an keessaa Arenaa Tigiraayiifi Dhaabbanni Warraaqasa Dimokiraatawaa Tigiraay marii irratti hin hirmaanne.

Miseensota Komishinii Filannoo naannoo Tigiraay filachuudhaaf ulaagaan kan kaawwame yoo ta'u, ulaagaaleen kunneenis, lammii Itoophiyaa ta'uu, afaan naannichaa kan danda'u, miseensa paartii siyaasaa kamiiyyu kan hin taane,

Heera naannichaafi biyyattiidhaaf nama bitamu, naamuusa kan qabu, filannoo waliin walqabsiisee barumsa, muuxannoofi dandeettii nama qabu ta'aa akka feesisu ibsameera.