Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan bakka gabbisa nikulaaraa biyyattiitti balaan ibiddaa cimaa qaqqabuu amante
Balaan ibiddaa guyyaa Kamiisaa dhaabbata nikulaara Iraan mudateen 'badiinsi cimaan' qaqqabuu dubbi himaan qaama annisaa nikulaara biyyattii beeksiise.
Maddi balaa ibiddaa bakka gabbisa nikulaaraa Natanz mudate kunis beekameera jechuun garuu gadi fageenyaa kan himan hin jiru.
Angaa'oonni Iraan akka himaniitti balaa ibiddaa dhaabbata nikuleeraa barbadeessee duuba aleellaan karaa intarneetiin raawwatame jiraachuu mala jedhan.
Itti dabaluunis maashinoonni barbadaa'an ammoo atattamaan meeshaalee fooyya'aniin bakka buufamu jedhaniiru.
Jiddugala keessatti omishni annisaa boba'aadhaaf oluu, akkasumas meeshaa waraanaa nikulaaraa omishuuf oolutu omishama ture.
Dubbi Himaan Dhaabbata Annisaa Atomiikii Iraan Behruuz Kaamaalvaandii, guyyaa Dilbataa akka jedhanitti, 'sababii nageenyaatiif jecha' qondaaltoonni nageenyaa waa'ee madda ibidda Naataanz hin dubbatan.
Haata'u malee, ibiddichi 'miidhaa olaanaa' qaqabsiisuu isaa dubbachuun, namni miidhaame garuu hin jiru jedhan.
Torban darban muraasa keessa ammoo Iraan keessatti dho'insiifi ibiddi biraas mudatee ture.
Mr Kaamaalvaandi itti dabalunis: ''Taateen kunis adeemsa misoomaafi omisha nikulaaraa kan duubatti harkiisuudha. Haata'u malee, Iraan gamoo gubatee kan biraa guddaa isaatiin bakka buufti meeshaalee hammayyaa'oo waliin.''
Guyyaa Kamisaa maaltu ta'ee?
Ibiddichi gamoowwan Naataanzii keessatti ijaarsa irra turan keessa tokko keessatti mudate jedha Mr Kaamaalvaandii yeroo sana.
Booda keessa garuu dhaabbanni Anniisaa Nikulaara biyyattii suuraa gamoo gara tokkoon gubatee gadhiise.
Oduun Rooyitaris qoondaala Iraan maqaan hin eeramne caqasuun, maddi ibidda kanaa haleellaa sayibarii ta'unsaa hin ollee jechuun garuu ragaa omaa hin himne.
Taatee gara biraa maaltuu umamee?
Taateen ibidda Natanz kunis erga gamoo loltootaa Paarchin keessatti dhohinsi qaqabeen guyyoota jahaaan booda mudate.
Dhohinisi kunis dhangala'aa gaazii bakkichatti mudatee ta'uu aang'oonni Iraan himanii ture.
Haata'u malee, xinxaltoonni suuraalee saataalaayitiin kaafaman dhaabbata omisha misaa'eelii biratti mudachuu himan.
Paarchiin kan dhiheenya Tehiraaniitti argamuu, bakka Iraan itti yaalii nikulaaraa waggoota 10 oliif itti gaggeessaa turte ta'uu hin ollee jechuun shakku biyyoonni Lixaa ammoo.
Iraan garuu sagantaan nikulaaraa ishee naga qabeessa ta'uu himuun himannaa hunda waakkachaa turte.
Guyyaa Dilbataattis qondaaltoonni ibiddiKkibba -Lixa biyyattii magaalaa Ahwaaz biratti mudachuu himaniiru.
Taatee Natanz kun maaliif dhimma guddaa ta'e?
Natanz, bakki magaalaa guddittii Taaheraan irraa fageenya KM 250 irratti gama kibbatiin argamuus bakka itti biyyattiin gabbisa uraaniyeemii isa olaanaa itti gaggeessituudha.
Waliigaltee bara 2015 tiin Iraan Yuraaniyeemii sadarkaansaa gadaanaa ta'e qofaa akka omishtuuf ture.