Konkolaachisaan buufata poolisiitti abidda ofitti qabsiise lubbuunsaa darbe

Dargaggoo Yugaandaa

Madda suuraa, Tawaha Kaweesa

Yugaandaatti konkolaachisaan doqdoqqee ganna 29 tahe buufata poolisii keessatti abidda ofitti qabsiisuun lubbuun isaa darbe.

Dargaggoon Huseen Walugembe jedhamu Kibba Liva Yugaandaa naannoo Masakaa jedhamutti doqdoqqeen isaa poolisiidhaan jalaa fudhatamee ture.

Konkolaachiftootni tokko tokko akka jedhanitti poolisiin doqdoqqee Walugembe deebisuufiif Doolaara 40 matta’aa gaafataa ture.

Dubbii himaan Poolisii biyyattii akka jedhetti amma gareen poolisii tiraafikaa hundi matta’aan wal qabatee qoratamaa jiru.

Gabaasonni akka jedhanitti dargaggoo Walugembe amma of gubuun lubbuun darbe kun mana jireenyaa poolisootaa keessa jiraachaa turuun nyaata dhiyeessaafii ture.

Yugaandaa keessatti tajaajila geejibaa doqdoqqee kennuun galii guyyaa argatanii jiraachuun dargaggoota carraa hojii biraa hin arganne biratti waanuma baratamedha.

Yugaandaa keessatti erga weerara koroonaavaayirasii as tajaajila geejibaa namootaaf kennuun dhorkameera.

Konkolaachiftootni kunneen guyyaa qofa tajaajila fe’umsaa fi meeshaa deddeebisuu kennuu danda’u erga uggurri biyyattiitti darbeen as.

Maaltu uumamee ture?

Akka poolisiin jedhetti dargaggoo Waluugembe hiriyaa isaaf doqdoqqee isaa ergisee ture.

Hiriyaan isaa ammoo osoo nama fe’ee imaluu poolisiidhaan qabame.

Sana booda dargaggoon abbaa qabeenya doqdoqqee kanaa tahe irra dedeebiin buufata poolisii deemee gaafachaa ture.

Kamisa har’aa garuu kutaa buufata poolisii keessa jiru tokko seenee ofitti cufachuun boba’aa ofitti naqee abidda ofitti qabsiise.

Poolisoonni abidda irraa dhaamsuuf bishaan itti naqaa turan.Poolisiin yeroo sana isa waliin tures xiqqoo miidhamee galmee hedduu fi kompiiteroonni gubataniiru.

Dubbii himaan poolisii Pool Kangaavee qorannoon kutaa poolisii tiraafikaa hunda irratti jalqabuu himan.

Naamusa isaanii ilaalchisee himanni waan jiruuf erga konkolaatota sababa labsii koroonaavaayirasii cabsan qabaniis matta’aa akka gaafatan waan himamuuf qoratamaa jiru jedhan.

Yugaandaatti namootni 900 tahan Covid-19 qabamanii 847 bayyaannataniiru. Hanga ammaatti namni vaayirasii kanaan du’e hin jiru.