Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ayyaana injifannoo Waraana Addunyaa Lammaffaa Raashiyaa
Waggaa 75'ffaan injifannoo Waraana Addunyaa Lammaffaa Raashiyaa sodaa Covid-19 guyyoota muraasaaf darbaa ture, har'a Moskootti gaggeeffame. Ayyaanni kun yeroo kaan guyyoota 13 dura Waxabajjii 9 kabajama ture.
Ayyaanni kun fooyya'iinsa heeraa Putiiniin ammas marsaa dabalataa lama aangoorra tursuu hayyamurratti sagaleen kennamuuf guyyootni yoo hafu gaggeefamaa jira.
Yuuniyeeniin Ripaablika Sooshaalistii Sooviyeet(USSR) yeroo sanii waggaa 75 dura waraan Addunyaa Lammaffaarratti Naazii Jarmaniin injifatan.
''Hojiin keenya uummata Sooviyeet kanneen gootummaan Naazummaa injifata yaadachuudha'' jedhan Pireezidant Puutiin.
''Uummata keenyatu isa hamaafi guutummaatti cubbamaa ta'e injifatee'' jedhan.
Naazii Jarmaniin Waxabajjii 8 bara 1945'tti garee biyyoota Biriteen, US fi USSR'n kan injifatame ta'uus, biyyootni Tokkummaa Raashiyaa isa durii keessa turan guyyaa kana Waxabajjii 9 kabaju.
Pireezidant Vilaadmiir Putiin ayyaanni kun Waxabajjii 9 irraa guyyoota 13 boodatti hafe akka kabajamu kan taasisan sababa weerarri Covid-19 biyyattii keessatti hammaachaa jiruufi jedhameera.
Tamsa'ina Covid-19 to'achuuf Raashiyaan walitti qabama namaa kan dhorkite ta'uus loltootni biyyattii kumootaan lakkaawaman Addabaabayii Red Square jedhamutti aragamuun agarsiisa meeshaalee waraanaa gurguddoon ayyaanicha miidhassaniiru.
Ayyaana kana Puutiin yeroo kaan miira jaalala biyyaa uummata Sooviyeet cimsuuf itti fayyadamuu turan.
Kan alanaa kun ammoo aangoorra turuu isaanii mirkaneeffachuuf guyyoota muraasa gidduutti wayita rifarandamiin gaggeefamuuf jedhutti ta'uun hika adddaa kennaafi.
Raashiya keessatti yeroo amma namootni 600,000 ta'an Covid-19'n kan qabamanii jitu.
Ayyaana kanarratti loltootni 13,000 ta'an, konkolaataa waraanaa 234 fi xiyyaarota waraanaa 75'n agarsiisa waraanaa gaggeesaniiru.
Biyyootni miseensota Sooviyeet turan akkasumas Chaayinaa, Mongooliyaafi Serbiyaa irratti loltootni hirmaatan tura.
Waxabajjii 9 ayyaana kabajamuun irra ture kanarratti Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroioniifi kan Chaayinaa Shii Jinpiing ni argamu jedhamee ture.
Guyyaa har'aas pireezidantootni Sarbiyaa fi Beelaaruus ni argamu jedhamee eegama.