Daldalli seeraan alaa harrootaa ammas Itoophiyaatti yaaddoo uume

"Wanti 'Ejiao' jedhamu fi gogaa harree irraa omishamu baay'ee barbaadama. Doolaara hedduutti kan gurguramudha. Nama hundatu barbaada waan ta'eef gatiin isaa dabale. Kanaaf fedhii jiru guutuuf dirqama harrootni baay'een qalamu" jedhu Itoophiyaatti hogganaan dhaabbata 'The Donkey Sanctuary' Dr Booji'aa Indabuu.

Daldalli fi daddabarsi harrootaa karaa seeraan alaatin Itoophiyaadhaa gara Keeniyaatti taasifamu Itoophiyaatti yaaddoo erga uumee bubbuleera.

Lakkoofsi harrootaa bifa kanaan bahanii Keeniyaatti qalaman heddumina harrootaa biyyattii miidhun dabalataan rakkoon hawaas-diinagdee uumus cimaa ta'uutu himama.

Keeniyaan ji'oota muraasa dura qalma harrootaa dhorkitee turtus guyyaa muraasaa as ammoo dhorkaa keessee turte kaasuun ishee Itoophiyaatti yaaddoo uumera.

Itoophiyaan harroota miiliyoona sagalitti siiqan qabaachuun guutuu addunyaarraa sadarkaa tokkoffaa irratti akka argamtu himu Itoophiyaatti Dhaabbata 'The Brooke' jedhamu kunuunsa harrootaa irratti hojjetu kan hogganan Obbo Dastaa Araggaa.

"Omishni qoricha aadaa 'Ejiao' waggaa waggaan dhiyeessii gogaa harree Metrik toonii 5.6 barbaada. Sababa kanaan Itoophiyaan xiyyeeffannoo isaanii keessa galte" jedhan.

Qorichi gogaa harree affeelun hojjetamu 'Ejiao' dur maatii moototaan faayidaarra oolaa kan ture fi gatiinsaas baay'ee qaala'aa akka ta'e himama.

Amma immoo baay'achuu hawaasa galii giddugaleessaa walin walqabatee fedhiinsaa guddateera.

Daandiiwwan Daldalaa

Waggoota muraasa dura warshaaleen qalmaata harrootaa lama magaaloota Bishooftuufi Asallaatti banamanii dheekkamsa uummataan cufaman.

Haa ta'u malee harrootni Itoophiyaadhaa karaa seeraan alaan bitamuu fi gurguramun Keeniyaatti warshaalee qalma harrootaa keessatti qalamaa turan.

Sababa warshaalee qalma harrootaa afur biyyattiitti banamanin lakkoofsi harrootaa Keeniyaa Miiliyoona 1.8 ture daran xiqqaachuu isaatu himama.

"Warshaalee Keeniyaa afran keessatti guyyaatti harrootni 1,200 ta'an ni qalamu. Isaan kessaa 80% ol kan ta'an harroota Itoophiyaadhaa deemani" kan jedhu Obbo Dastaa Araggaa.

Daldalli fi daddabarsi harroota karaa seeraan alaan Itoophiyaadhaa gara Keeniyaa taasifamu daandiiwwan gurguddaa lama qaba.

Daandiin daldalaa fi daddabarsaa inni tokko gama Walqixxee, Walaayitaafi Daawurootiin gara Keeniyaa seena.

Harrootni daandii kanaan daddabarfaman buufata qalma harrootaa Keeniyaa Turkaanaatti argamutti akka geeffaman Obbo Dastaa Araggaa BBC'tti himaniiru.

"Daandiin inni lammataa ammoo naannoo Kibbaafi Oromiyaa qaxxaamuruun gama Yaaballootin gara Keeniyaatti fulla'a" jedhan.

Adeemsi bittaa harrootaas maloota lamaan kan raawwatamu yemmuu ta'u inni tokko gabaawwan yeroo yeroon dhaabbatan keessaa yemmuu ta'u inni biraan immoo bittaa dallaallotni manarra deemun "gatiin harree dabaleera" jechuun raawwatan akka ta'e Obbo Dastaa himu.

Naannolee Miidhaman

Naannoleen daldala fi daddabarsa harrootaa seeraan alaan miidhaman fi rakkinichi itti hammaatu naannoo Oromiyaa, Kibbaa, Amaaraa fi Tigraay akka ta'an himama.

"Godina Arsii Lixaa lakkoofsa harroota guddaatu jira. Achii gama Halaabaa fi Walaayitaan geejibsiifama" jedhu hogganaan dhaabbata 'The Brooke' Obbo Dastaa Araggaa.

"Keessattuu sulula qiinxamaa keessatti dalaallotni manarra deemun 'harree hin qabdanii? Gatii haganaatin isinirraa bitna' jechuun humna maallaqaatti fayyadamuun harrootni fe'amaa turaniiru" kan jedhan immoo hogganaa dhaabbata 'The Donkey Sanctuary' Dr Booji'aa Indabuuti.

"Ragaa duraan qabnuun guyyaatti harrootni 1,000 ta'an karaa seeraan alaan biyyaa akka bahan agarsiisa" kan jedhan Obbo Dastaa Araggaa "lakkoofsi kun harroota naannoo dangaatti qalamanii gogaan isaanii qofti gara biyya alaatti bahu hin dabalatu" jedhu.

Harroota qaluun gogaa isaanii qofa erguun geejibaafis mijataa akka ta'e fi baratamaa ta'uusaa himu.

Gama Keeniyaatti dabalataan harrootni Itoophiyaa gara Sudaaniifi Somaaliyaattis karaa seeraan alaan ni daddabarfamu.

Gara biyyoota kunneenitti garuu qalmaaf osoo hin taanee tajaajila geejibaaf gurguramu jedhan.

Maalif Dhaabsisuun Dadhabame?

Daldalli fi daddabarsi seeraan allaa harrootaa bal'aa fi maallaqni guddaan kan itti socho'u ta'us "korojoo namoota dhuunfaa guutuun alatti biyyattiif bu'aa buuse hin qabu" jedhu namootni BBCn haasofsiise.

"Mootummaan hin to'atu. Sharafa biyya alaas argamsiisaa hin jiru. Haa ta'u malee harrootni Itoophiyaa balaa hamaa keessa jiru. Hawaasnis boru harroota yeroo dhabu keessattuu jireenyi haadholii fi dubartoota barattoota balaa keessa bu'a" jedhan.

Poolisii Federaalaa dabalatee qaamolee mootummaa sadarkaa garaagaraa irratti argaman walin hojjechaa turuu isaanii kan himan hogganaan dhaabbata 'The Brooke' Obbo Dastaa Araggaa rakkoon wal hubatanii hojjechuu akka jiru himan.

Ministeera Qonnaa fi Komishinii Gumrukaa gidduutti hanqinni qindoominaan hojjechuu akka jirus eeru.

Kana malees dhibeen Covid-19 immoo hojii daldala seeraan alaa harrootaa dhaabsisuuf hojjetamu caalmaatti laaffisuusaa himan.

"Mootummaan qorannoo taasisuun furmaata itti gochuu qaba. Haala qabatamaa amma jiruunis harrootni biyyattiirraa hafanii biyya alaatti gurguraman hin jiran " jedhu Dr Boji'aan.

Yaaddoo Haaraa…

Gaheen harrootni jireenya uummata Itoophiyaa keessatti qaban daran olaanaa fi maallaqaan tilmaamufillee ulfaataa dha.

"Qonnaan bulaan harree hin qabne harreedha jedhama. Sababnisaas qonnaan bulaan Itoophiyaa guyyaa 365 harroota ni fayyadama. Wanti hojii harreen hojjettu bakka bu'ee hojjetu hin jiru" kan jedhan Dr Booji'aa Indabuu "akka biyyaatti gaariwwan harree miiliyoona tokko ta'an galii argamsiisanin jireenya namoota heddu utubanii jiru" jedhan.

"Itoophiyaaf harreen irraa hafe hin jiru. Harreen dadhabaa fi hojii hin hojjenne hin jiru. Harrootni hundi waggaa guutuu hojjetu. Hunduu hawaasa ni tajaajilu. Kanaafuu ammatti nuyi ammatti daldalaaf qophii miti" jedhu.

"Nuyi hirkattummaa harrootaa irraa bilisa ta'uuf waggoota heddu nutti fudhata. Sababiinsaas bu'uraalee misoomaa fi ammayyummaan qonnaa gadi aanaa dha. Haa ta'u malee gabaa haalawwan kunneen ilaalcha keessa hin galchinetu ademaa jira" jechuunis himu.

Dhibee Coovid-19 walqabatee sochiin namootaa hir'achuu isaatin namootni harreetti fayyadamuun tajaajila geejibaa laatan galiin isaanii xiqqaachuu isaatin harroota isaanii gurguruuf akka saaxilaman kan himan immoo Obbo Dastaan Araggaati.

Keeniyaan dhorkaa dhaabbilee harroota qalan irra keessee turte kaasun isheemmoo harrootaa Itoophiyaatti yaaddoo haaraa kan fidu akka ta'es himaniiru.