Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Weeraroota shan seenaa addunyaa jijjiiran
Addunyaa kanarratti weeraroota lubbuu namoota hedduu galaafataniifi haala jireenya namootaa gama adda addaatiin jijjiiran baayyeetu jiru. Weerarri koronaavaayirasiis ji'oota muraasa dura mudatee seenaa addunyaa kana karaa hedduun jijjiiraa jira.
Koronaavaayirasiin weerara seenaa addunyaa jijjiire isa jalqabaa miti. Weeraroonni asiin dura mudachuun seenaa addunyaa jijjiiran shan ilaalla.
Du’a gurraachaafi qaroomina biyyoota Awuroppaa
Duuti gurraachi bara 1350 kan mudate ture. Weerarri kun lubbuu namootaa ardii Awurooppaa tokko saddaffaa ta'u akka galaafatee ture ni himama.
Namoonni hedduunsaanii kan lubbuu dhaban hojjattoota siran fiwudaaliizimiif hojjatan turan.
Dhukkubicha booda garuu gatiin hojjattootaa haalan dabale. Kunis Awuroppaa Lixaa keessatti kufaatii sirna fiwudaaliizimiitiif sababa ta’eera jedhama.
Kunis abboota lafaatiif rakkoo uumee waan tureef humna namaatti fayyadamuu dhiisaanii gara teeknooloojii fayyadamutti cee’an.
Taateen kunis Awuroppaan Lixaa gara qaroominatti akka galtuuf karaa baneera kan jedhan hedduudha.
Wararawwan Awuroppaa Lixaa yeroo kanatti ture kan gara biyyoota biroottis imaluu jalqaban.
Weerarri kunis bittaa gabrummaa keessatti gahee mataasaa akka taphatu godheera.
Gifiraafi jijjiirama haala qilleensaa
Jaarraa 15 keessaatti biyyoonni Ameerikaa Kibbaa kolonii jalatti kufuunsaanii jijjiirama haala qilleensaa addunyaatiif sababa ta’aniiru jedhama.
Qorattoonni Yunvarsiitii Koolleejjii Landan akka jedhanitti biyyoonni Ameerikaa Kibbaa koloneeffattoota Awuroppaa jalatti buluunsaanii lakkoofsi ummataa miiliyoona 60 irraa gara miiliyoona 6’tti akka gad bu’u godhaniiru jedhu.
Hedduunsaanii dhukkubbii warri koloneessitootaa fidanii dhufaniin kan du’aniidha. Namoota hedduu kan ajjeesee weerarri dhibee maariyyeen akka isaaniin seene ni mul’isa.
Dabalataanis kooleeraa, golfaafi busaan dhukkuboota warri koloneeffattootaa dhukkuboota namoota Ameerikaa Kibbaaf daddabarsaniidha.
Rakkoon koloneeffatoonni fidan Ameerikaa Kibbaa irra darbee rakkoo addunyaa ta’eera. Namoonni dhukkuubootaan lubbuunsaanii darbe hedduunsaanii qotee bultootadha.
Kanarraa kan ka’e lafti qonnaa hedduun gara bosonaatti jijjiirameera.
Lafti qonnaa yeroos gara bosonaatti jijjiirame hanga bal’ina Keeniyaa yookiin Faransaay ni ta’a jedhamee tilmaamama.
Taateen kunis ho’insi addunyaa haalaan akka gad bu’u taasiseera. Ardiinis qorra keessa akka galtuus taaiseera jedhama.
Sababa kanaanis namoonni ardii biraarra jiran miidhamaniiru. Omishni qonnaallee miidhameera. Baay’ee kan nama dhibu ho’i hir’achuusaatiin kan baay’ee miidhamte Awuroppaa lixaa ta’uusheeti.
Busaa keelloo (Yellow fever) fi waraaqsa Haayitii
Weerarri busaa keelloo bara 1801 biyya ardii Ameerikaa keessatti argamutu Haayitii keessatti mudate koloneeffattoonni Faransaay akka biyyaa bahaniif sababa ta’eera.
Hoggaanan Faraansaay Naapooliyoon Boonbaartee hogganaa umurii guutuu godhee of ramade, loltoota 10,000 Haayitii akka to’ataniif garasitti erge.
Weerarri busaa keelloo garuu loltootaafis hin taane. Dhukkubbichi lubbuu loltoota kuma 50’tti dhiyaatu akka baduuf sababa ta’e.
Haakimoonniifi abuurtonni namoota lubbuunsaanii darbee keessa jiru.
Warroonni Awurooppaa busaan keelloon Afriikaa irraa dhufe jedhanii himunis dhukkubbicha garuu qolachuu hin dandeenye.
Kanadha kan Naappoliyooniin Haayitii dabalatee biyyoota biroo koloneeffachuurraa duubatti akka deebi’u kan taasise.
Hoggaanan Faraansaay kun lafa iskuweerii meetirii miiliyoona 2.1 kutee US’f gurguruunsaa hin dagatamu.
Kunis seenaa keessatti gurgurtaa Luuwiziyaanaa jedhamee beekama.
Riindarpestii Afriikaafi kolonii
Dhukkubni riindarpestiin mancaatii lubbuu horiitiif sababa guddaa ture. Kunis akka warroonni Awuroppaa Afriikaa koloneeffataniif isaan kakaaseera jedhamee amanama.
Dhukkubni bara 1888-1897 ture kun lubbuu horii Afriikaa %90 ta’u akka galaafate himama.
Keessumaayyuu horsiisee bultoonni Gaanfaa Afriikaa, Lixaafi Kibba Lixaa miidhaa kanaan haalaan miidhamaniiru.
Dhukkubni bineensota galaafatu kun namoonnii hedduun akka beela’ani fi baqataniif sababa ta’eera.
Dhukkuba kanaan horsiisee bultoota qofa osoo hin taane qonnaan bultoonnis miidhaamaniiru.
Jaarraa 19ffaa keessa koloneeffattoota Awuroppaa akka Afriikaa weeraraniif kara baneera.
Qaamni Afriikaa koloneeffattoota bara 1870’oota jala ture %10 qofa ture.
Weerarichi humna biyyoota Afriikaa dadhabsiisuurraa kan ka’e bara 1900 lafti Afriikaa %90 ta’u harka koloneeffattootaa jala akka galu godheera.
Mootummaa Chaayinaa weerara fide
Mootummaan Miing Chaayinaatiin jaarraa 3f bulcheera. Bulchiinsi kun Chaayinaa keessatti qofa osoo hin taane biiyyota Baha Eezhiyaa heddu keessatti babal’atee ture.
Ta’us garuu dhumni bulchiinsa kanaa gaarii hin turre. Bara 1641’tti Kaabaa Chaayinaatti weerarri mudate. Weerarri kun lubbuu namoota hedduu galaafateera.
Rakkinnicha akka hammaatu kan godhee ture immoo gogiinsa fi weerara awwaanisaa yeroos tureedha.
Namoonni waan nyaatan dhabuusaaniirraa kan ka’e foon nama du’ee nyaataa akka turan ni himama.
Weerarri kunis busaa dabalatee walitti ida’ama dhukkuboota gara garaati kan jedhama.
Weerara kanas kan fidan namoota mootummaa Kiiwiing kan bulchiinsa Miing aangoorraa kaasuun boodarra gara aangoo dhufaniidha jedhama.
Yaadni isaanii milkaa’ee bulchiinsicha aangoorraa kaasaniiru.
Isaan kunneen weeraroonni addunyaarratii kanaan dura mudatanii haalaa jireenya namootaa gama adda addaatiin jijjiiraniidha.
Weerarri koronaavaayiras kun hoo seenaa ni jijjiiraa laata?
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras